Erga weerarri vaayirasii Koronaa biyya keenya keessatti mula'tee kaasee sirni fayyaa keenyaa fooyya'eera jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

118

Finfinnee ,Waxabajjii 1/2012 (TOI) - Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Gaaffiilee miseensota mana maree bakka bu'oota Uummataa irraa isaaniif dhiyaachaa jiraniif deebii kennaa jiraniin erga weerarri vaayirasii Koronaa biyya keenya keessatti mula'tee kaasee sirni fayyaa keenyaa fooyya'eera jedhan.Kunis yeroo jalqaba namni vaayirasii kanaan qabame jedhametti Saamuuda Afrikaa kibbaatti erginee qabamuu fi dhiisuu isaa beekama ture.Yeroo ji'a sadii keessatti garuu Naannoolee sagalii fi bulchiinsaalee magaalaa lamaan keessatti laaboraatooriin vaayirasii Koronaa qorachuu danda'u dhaabbateera.Hanga ammaattis buufataleen laaboratoorii 31 akka biyyatti hojiirra kan jiran yommuu ta'u torban kana keessa buufanni laaboraatoorii 8 dabalamuun 39 irraan geenyas jedhaniiru Dr.Abiyyi.Itti dabaluunis Ji'a Waxabajjii dhumarratti buufanni laaboraatoorii 15 dabalamuuf akka jiranis himaaniiru. Yeroo amma kanattis akka biyyaatti buufataleen dhukkubsatoota vaayirasii koronaaf oolan 54 namoota 17,500 fudhachuu danda'an qophaa'anii jirus jedhan Dr. Abiyyi.
Guyyaatti hanga namoota 14,000 irratti qorannoo laaboraatoorii taasisuuf hojii nu dandeessiisu irrattis hojjetamaa jira jedhaniiru.
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'ii adda 5ffaa galma walga'ii Waajjira Ministira Muummeetti taa'aa jira.
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa gaaffilee gara garaa Ministira Muummeef dhiyeessaanii Jiru.
Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad gaaffilee ka'aniif deebii kennaniiru jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015