Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Guyyaa Ashaaraa Magariisaa Waggaa 2ffaa jalqabsiisan

103

Finfinnee Caamsaa 28/2012 (TOI)-Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Guyyaa Ashaaraa Magariisaa waggaa 2ffaa biqiltuu dhaabuun har’a Hawwaasaatti jalqabsiisaniiru.

Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti deebisuufi magariisa taasisuuf lammiin kamiyyuu carraaquu akka qabus waamicha dhiyyeessaniiru Dr.Abiyyi wayita Ashaaraa Magarisaa jalqabsiisan dubbii dubbataniin.Itti dabaluunis barattoonni,hojjettoonni,fi dargaggoonni dhaabii biqiltuu kanarratti si’oominaan akka hirmataaniif waamicha taasisaniiru.

Weerarri Vaayirasii Koronaa Addunyaa dhiphisaa jiru ,nuyinis nu qora malee guutummaa guutuutti guddina diinagdee keenyaa hin dhaabus erga jedhanii Uummanni of eeggannoo taasiisun misooma keenyas itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.Namni kamiyyuu Ashaaraa isaa Magaariisummaaf kaa’uu qaba jedhaniiru Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan Ashaaraa Magariisaa akka biyaatti Ministira Muummeen jalqabame akka Naannoo Oromiyaattis Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti Jalqabsiifameera.Sirna guyyaa Ashaaraa Magariisaa Kana akka naannichaatti Pirizidaantiin Mootumaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yommuu jalqabsiisan ,angawoonni naannichaa ol aanoon biros irratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015