Bishaan Hidha Haaromsaa Guutuuf Torbee itti aanu Hojiiin Lafa Qulqulleessuu ni Eegalam

Finfinnee, Caamsaa 27/2012 (TOI) – Bishaan Hidha Haaromsaa guutuuf  torbee itti aanu hojiin ciraa lafa heektaara kuma 1 ni eegalama.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Beenishaanguul Guumz obbo Ashaadlii Hasan akka beeksisanitti, hojii kanaaf  dargaggoonni 300 waldaa intarpiraayizii maayikiroo xixiqqaadhan gurmaa'anii jiru jedhan.

Hojjettoonni guyyaatis dabalataan hojicharratti ni hirmaatu.

Hojiin guutinsa bishaanitiif bosona ciruu kanaan dura Koorporeeshinii Injiinariingii Sibiilotaatin(METEK) eegalamee ture bu'a qabeessa hin turres jedhaniiru.

Hojiin ijaarsa hidhichaa amma xiyyeeffannaadhan hojjetamaa jiraachuus TOI tti himanii jiru preezdaantichi.

Lafa heektaara kuma 1 irraa bosona ciruu fi hojiilee birootif Birrii miiliyoonni 25 ol qabameera.

Hoji gaggeessaa olaanaan ijaarsa hidhichaa Injiinar Kiflee Horroon, hidhichaa yeroo qabameen xumuruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bishaan kuusuuf hojiin sibiilotaa xumuramee koonkiriitiin guutamaa jira.

Karroonni to'annaa seennii bishaaniis itti hojjetamaa jiru jedhan.

Ijaarsi hidhichaa waliigalaan %73.7 irra ga'eera.

Adoolessa dhuftu bishaan hidhichatti kuufamuun liitira kiyuubiikii biiliyoona 4.9 qabachuun ni danda'ama.

Kanaanis tarbaayinoota lama sochoosun ni danda'ama.

Bara dhuftus bishaan liitirri kiyuubiikii biiliyoonni 13.5 ni guutamaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015