Komishiinin Poolisii Oromiyaa Humnoota Lixa Oromiyaa fi iddoowwan gara garaatti yakka ajjeechaa fi saamicharratti boba'an 48 to'annoo jala oolchuu ibse

193

Finfinnee  Caamsaa 27/2012 (TOI)-  Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibsa miidiyaaleef kenaniin humnoota maqaa Abbaa torbeetiin lubbuu namaa galaafachaa turan sakatta'iinsaa taasifameen to'annoo jala oolchuu ibsaniiru.

Hoogganaan damee qorannoo yakkaa komishinar  Girmaa Galaan Badiiwwaan Godinaa Qeellaam , Naqamtee fi Magaalaa Burraayyutti raawwatamaa ture ilaalchisuun humnoota dhimmicharratti ajajaa turanii fi namoota gochichaa abbummaan raawwachaa turan too'annoo jala oolchuu ibsan.

Dhimma kanarrattis mootummaan ragaa guutuu qabaachuu Komishiinar Girmaa Galaan ibsaniiru.

Humnoonni to'annoo jala oolan ajeechaa fi saamicharratti boba'un gocha badii kana ergamni itti kennamee raawwachaa turuu isaanii haala keeyyanni 35 ajajuun kan amanan ta'uu ibasan .

Humnootni kunniin tooftaalee afuritti gargaaramun badii raawwachaa kan turan ta'us ibsameera.

Haaluma kanaan tooftan isaan itti gargaaraman keessaa tooftaa hidhannoo bosona keessaatti gargaaramuu,Human Abbaa torbee jedhuun lubbuu abbootii qabeenyaa fi angaa'ota mootummaa ajeesuu,maqaa akitiivistiitin peejii garagaraa fayyadamuun ummata burjaajessuu fi filannoo irratti human hidhannoo fayyadamuuf karoorfatanii kan socho'aa jiran ta'uu bira ga'ameera jedhan I/A komishiinaraa Girmaa Galaan.

Maqaa ABO shaneetin Lixa Oromiyaa Qeellam keessattii namoonni 212 kan miidhaman yoo ta' Magaalaa Sayyoo keessattis namoonni 114 humna kanaan ajeefamuu ibsaniiru.

Maddi Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015