Godina Shawaa Lixaatti biqiltuun miliyoona 184 dhaabbiif qophaahe

107

Finfinnee Caamsaa 25/2012(TOI)- Godina Shawaa Lixaatti biqiltuu waqtii gannaa dhaabbatu miliyoonni 184 qophaahuu waajjirri Qonnaaf Qabeenyana Uummamaa godinichaa beksise.

Biqqiltoonni qophaahan kun aanaalee godinichaa 22 keessatti kan argamu lafa hektaara kuma 50 fi 698 gubbaatti kannen dhaabamani.

Godinichatti dursaan garee misooma sululaal fi eegumsa bosonaa obbo Gazzahany Qanaatee biqiltuun kun dhuunfaa,waldaa fi mootumaan kanneen hunda’an buufata biqiltuu kuma 8 keessatti jedhan.

Biqiltoota qophaahan Baargamoo,Hindheessa,Laaftoo,Waddeessaf muka koosoo fa’i.

Kanamalees biqiltoonni dhiqama biyyoo ittisanii fi kanneen nyaata beeladaaf oolanis qophaahan. 

Biqiltuuwwan kana lafa albuudni irraa dhume gubbaa dhaabuun jijjirama qillensaa toohachuuf gumaacha guddaa qabaa jedhame.

Qonnaan bulaan aanaa Amboo Obboo Dabalee Faafaa TOI tti akka himanitti dhabbii biqiltuu bara baraa geggeffamu keessatti hirmaachaa turuu isaanii eeruun biqiltoota dhaabbaman kunuunsuun naannoon isaanii honga’ee ture dandamatee nyaata beeladaaf oolaa akka jiru ibsan.

Jiraataan aanaa biro obboo Milkeessaa Fayyisaa biqiltuun bara darbe dhaaban guddatee sadarkaa gaarii irra kan gahe yo ta’u baranas kaka’umsa isaaniin qophii walfakkatu gubbaa akka jiran himu.

Bara darbe yeroo walfakkaatutti biqiltuu dhaabbame miliyoona 161 keessaa harki 84 lalisuu odeeffannoon waajjira Qonnaa fi Qabeenya uummamaa godinichaa ni mul’isa.

Godina Shawaa Lixaatti lafti hektaarri kuma 104 fi 799  bosona namni dhaabeen uwwifamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015