Godina Arsiitti Bu’uuraaleen Misoomaa Birrii Miiliyoona 960 Oliin hojjetaman xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’an

127

 Adaamaa caamsaa 25/2012 (TOI) -Godina Arsiitti Bu’uuraaleen Misoomaa Birrii Miiliyoona 960 Oliin hojjetaman xumuramuun tajaajilaaf qophii akka ta'an Bulchiinsi Godinichaa beeksiise

Bulchaan Godina Arsii Obbo Jamaal Aliyii akka ibsanitti bara kana piroojektoonni bu’uuraalee misoomaa 800 hojjetamaa turan keessaa 500 xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uu isaanii himaniiru.

Piroojektoonni 300 hafanis ijaarsi isaanii dhibbeentaa 90 ga’uu himuun ji’a kana dhumarratti guutummaa guutuutti xumuramuun tajaajilaaf akka ga’aniif hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Bu’uuraalee Misoomaa amma xumuraman keessaa Daandii,bo’oowwan lolaan keessa darbu,Riqaawwan,giddu galawwan Oomishaa,Manneen barnootaa , jallisiiwwan xixxiqaa fi Bishaan dhugaatii qulqulluun kan keessatti argamanidha. 

 Piroojektoonni xumuraman kunneenis Uummata Miiliyoona 1.5 fayyadamaa taasiisas jedhameera.

Godina Arsiitti Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Magaalaa kan ta’an Obbo Habiib Waaqayyoo gama isaaniin piroojektoonni bu’uuraalee Misoomaa xumuran kun gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf kan hojjetamanidha jedhaniiru.

Aanaalee 65 Godinicha keessatti argaman Magaalaalee Aanaa keessatti gidduugalawwan Oomishaa osoo hin dabalatiin daandii dhagaa afame Kiiloomeetira 30 fi daandii cirrachaa Kiloomeetira 80 ,Bo’oowwan lolaan keessa darbu fi riqaawwan hojjetamuun xumuraman tajaajilaaf banaa ta’aniirus jedhaniiru.

 Dabalataanis gidduu galli oomishaa fi gurgurtaa waldaalee maayikiroo fi intarpiraayizii xixxiqqaa 143 f dabarsuuf qophii ta’uus himaniiru.

 Kantiibaan Magaalaa Boqojjii obbo Asnaaqee Tasfaayee Gama isaaniin akka ibasnitti Mgaalaa Boqojjii keesstti daandii dhagaa afame,daandii cirrachaa ,bo’oo lolaan keessa darbu fi riqaawwan dabalatee piroojektoonni bu’uuraalee misoomaa 10 xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’uu isaanii beeksisaniiru.

Dabalataanis gamoon mana hojiiabba darbii lamaa ijaaramaa jiru xumuramaa akka jirus himaniiru.

Uummannis fayyadamummaa isaa mirkaneessuuf human,maallaqaa fi dandeettii isaan tumsa taasiisaa turee fi jiruuf cimee akka itti fufu jechuun dhibee vaayirasii Koronaa irraas akka of eeggatuuf dhaamaniiru.

Jiraataa Magaalaa Boqojjii kan ta’an Hajjii Kamaal Hajjii Aliyyii akka jedhanitti Hojiileen bu’uuraalee Misoomaa hojjetaman kun gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii  uummatni gaafachaa ture kan deebisaniidha jedhan.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015