Itoophiyaatti weerara vaayirasii koronaa ittisuuf kan gargaaru tajaajilli mobaayilootaa qophaahan

81

Finfinnee Caamsaa  22/2012(TOI)- Inistiitityuuttiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa  Ministeerri Fayyaa fi Dhaabbilee Degartoota biro waliin ta’uun tajaajila mobaayilii lama kanneen weerara vaayirasiii koronaa taahachuuf gargaaran hojiirra oolchufi.

Tajaajila kana keessaa tokko tuttuqaa nama vaayirasii koronaan qabame kan adda baasudha.

Tajaajilli kun karaa biluutuuziin qofa walitti dhufeenya uumuum fageenya meetira lama irratti odeeffannooo kan agarsiisudha jedhe Inistiitiyuutii  Fayyaa Hawaasa Itophiyaa ibsa dhimmicha irratti har’a kennen.

Lammaffaan immoo namoota  vayirasii koronaan qabaman ogeeyyiin fayyaa hordofan hubannoo walfakkaataa akka argataniiif kan gargaaru.

Tajaajiloota kanneen Marsariitii inistitiyuutii Fayaa Hawaasa Itoophiyaafi google play irraa argachuun akka danda’amu ibsame. Maddi inistitiyuutii fayyaa hawaasati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015