Balaan lolaa buqqaatii nama hedduu waan dhaqqabsiisuuf weerara koronaa akka hin babal’isne hojjetamuu qaba jedhan Ministirri Muummmee Itti Aanaa Obbo Daammaqaa Mokonnin

81

Balaan lolaa buqqaatiii nama hedduu waan dhaqqabsiisuuf weerara koronaa akka hin babal’isne hojjetamuu qaba jedhan Ministirri Muummmee Itti Aanaa Obbo Daammaqaa Mokonnin

Finfinnee Caamsaa 22/2012(TOI)- Biyyattiitti balaa lolaa uumamuu malu nama heddu waan buqqisuuf werara koronaa akka hin hammessine sululawwan balaa tolaaf saxilaman irratti hojiin dursanii ittisuu saffisaan hojjetamuu qaba jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.

Manni Maree Yaa’a Laggeenii walgahii idilee 7ffaa viidiyoon deegarame geggeesse.

Walitti Qabaan Mana Marichaa obbo Dammaqaa Mokonnin akka dubbatanitti iddoowwan lolaaf saaxilaman adda baasuun hojiin dursanii ittisuu saffisaan hojjetamuu qaba jedhan.

Balaan sababa lolaatiin mudatu sochii weerara koronaa ittisuuf akka biyyatti godhamaa jiru akka qoruu malus  hubachiisan.

Rakkoolee wal-xaxaa dursanii itisuuf humna jiru fayyadamuun cinaatti hubannoo hawaasaa cimsuu barbachisas jedhan.

Ministeerri Bishaan Jallisii fi Eletiriikaa  Dr.Injinar Silashii Baqqalaa gama isaanin hojiii of eeggannoo dursaa keessaa tokko kallattii bishaanii jijjiruu fi galoo ittisuu akkasumas  bo’oo suphuu ciminaan hojjetamaa jira jedhan.

Weerara Covid-19 hubannoo keessa galchuun Naannolee waliin qindaahuun iddoolee balaa lolaaf saaxilaman dursa kennuun  karaa baasii hirrisuun hojjetamuu akka qabu manni marichaa kallattii kennee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015