Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Baajata Dabalataa Birrii Biiliyoona 48.6 Raggaasiise

65

 Caamsaa 21/2012 (TOI)Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Rakkoo Amma Mudatee jiru furuuf Baajata Dabalataa Gaafatame Birrii Biiliyoona 48.6 Raggaasiise.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Ya’ii isaa addaa 4ffaa gaggeesseera. Baajata dabalataa mirkaneesse kanaanis sababa weerara Vaayirasii Koronaatiin diinagdee miidhamaa jiru ni deeggaras jedhameera.

Bajaata biyyattii bara 2012 kanattis  birriin Biiliyoona 12 hanga biiliyoona 15 ta’u weerara Vaayirasii Koronaa Ittisuuf hojiirra ooleeras jedhameera.Kuni qoftis ga’aa waan hin taaneef baajatni dabalataa birriin biiliyoona 48.6 barbaachise jedhan Ambaasaaddar Masfin Charinnat De’eetaan Ministiraa itti waamamaan gargaraa Mootummaa gabaasa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyyeessaniin.

Baasii kana danda’uuf biyyoota deeggartoota misoomaarraa birriin biiliyoona 28.6 Liqaa fi deeggarsaan argamuus himaniiru.

 Birriin biiliyoona 20 hafe immoo biyya keessaa bifa Liqaan fuudhamuuf akka jirus himameera.

 Walumaa galatti baajanni raggaasiisame kun weerrara Vaayirasii Koronaa Ittisuuf meeshaalee barbaachisan dhiyyeessuu fi deeggarsa namoomaaf kan oolus jedhameera.Manni marichaa ajandaawwan biro irrattis marii gaggeesseera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015