Guyyaan raayyaa ittisaa walitti hidhiinsa ummataa fi raayyaa caalaatti cimsuuf ni dandeessisa jedhame

97

Finfinnee Amajjii 21/2011 Baatii dhufu torbee jalqabaatti kan kabajamu guyyaan raayyaa ittisaa raayyaa fi ummata jidduutti walitti hidhiinsa jiraachuu qabu cimsuuf akka gargaaru ajajaan human qilleensaa Itoophiyaa beeksisan.

Qopheessummaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi human qilleensaa Itoophiyaatiin magaalaa Adaamaatti kan kabajamu guyyaan raayyaa ittisaa 7ffaa ilaalchisuun ajajaan human qilleensaa Birgaader Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsa kennaniiru.

Kabajini kun raayyaan ittisaa ergama heera mootummaa kennameef ba’uu fi walabummaa biyyattii eegsisuuf human dandeessisu kan qabu ta’uusaa kan itti agarsiisuufis ta’uusaas Birgaader Jeneraal Yilmaa ibsa isaanii keessatti eeraniiru.

Agarsiisonni loltummaa kabaja ayyaanaa kanarratti dhihaatan human raawwachiisummaa raayyaa ittisaa agarsiisuun alatti ummattummaa raayyaa ittisaa cimsuuf kan dandeessisu akka ta’e dubbataniiru.

Adaamaa alatti kutaa biyyattii raayyaan ittisaa itti argamutti kabajni ayyaanaa kun agarsiisa addaddaatiin  akka kabajamu ibsanii, qaamoleen ummataa fi raayyaa ittisaa keessaa baba’an kan keessatti hirmaatan mariin paanaalii “ummattummaa fi raawwii dirqamaa  raayyaa ittisaa irratti xiyyeeffate” ni adeemsifama jedhaniiru.

Guraandhala 2/2011 eegalee guyyoota walitti aanan jahaaf ayyaana turu ilaalchisee wantoota raawwataman keessaa kan human qilleenaa dabalatee daawwannaan bu’uraalee misoomaa , agarsiisa human qilleensaa fi dorgommiin Ispoortii keessatti argamu.

Guraandhala 7/2011 Kabajni ayyaanaa kun Istaadiyoomii Adaamaatti bakka ummanni kuma 2 ol argamutti ho’inaan ni kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015