Godina Arsii Aanaa Heexxossaatti Kilaastarri qonna Qamadii waqtii Gannaa jalqabsiifame

81

Caamsaa 18/2012(TOI) Godina Arsii Aanaa Heexxossaatti Kilaastarri qonna Qamadii bara kanaa waqtii Gannaa jalqabsiifame.

Guyyaa jalqabbii kilaastara qonnaa qamadii kanarratti hooggantoonni paartii Badhaadhinaa akka biyyaattii fi kan naannoo Oromiyaa argamaniiru.

Hoogganaan Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee sirna kanarratti ibsa hooggantoota paartii Badhaadhinaaf kennaniin Naannoo Oromiyaatti Qamadii biyyi keenya Biyya alaarraa galchitu hambisuuf karoorfatee hojjechaa jira jedhan.

Haaluma kanaanis bara kana Qamadii Kuntaala Miiliyoona 13 Oomishaa jiraachuu kan himan Obbo Dhaabaan bara dhufuttis Qamadii Kuntaala Miiliyoona 20 akka Naannoo Oromiyaatti Oomishuuf akka Karoorri qabamee jiru himaniiru.

Kilaastarri Qonna Qamadii kunis Godinaalee Arsii,Arsii Lixaa,Baalee, Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti jalqabamuuf ta’uu himaniiru Obbo Dhaabaan.

Kilaastarri Qonna Qamadii guyyaa kana Aanaa Heexossaatti jalqabsiifame lafa qonnaa heektaara 80 irratti yommuu ta'u qonnaan bultootni 65 walitti dhufuun Oomishaa akka jiran kan himan immoo Qonnaan bulaa fi duursaa garee Kilaastarichaa kan Ta'an obbo Fayyisaa Buttaati.

Obbo Fayyisaan Gaaffii fi Deebii TOI waliin taasisaniin miseensota isaanii 65 keessaa 9 dubartoota ta'uu himuun qonna Makaanayizeeshiniin jalqabananiin lafa heektaara tokkorraa qamadii Kuntaala 65 argachuu isaanii himuun, bara qonnaa kanattis dhibeen weerara vaayirasii koronaa dhibee biraa gama beelaan biyya keenyatti fidee akka hin dhufneef of eeggannoo taasiisuun ni hojjenna jedhaniiru.

Sirna qonna kilaastara qamadii jalqabsiisuurratti kan argaman waajjira Paartii Badhaadhinaatti sadarkaa Ministiraatti hoogganaa dhimma bulchiinsaa kan ta'an Ambaasaddar Hasan Abdulqaadir Gaaffii fi Deebii TOI waliin taasisaaniin daawwannaan qonna kilaastaraa naannoo Oromiyaa Godinaalee Shawaa Bahaa fi Godina Arsiitti taasifne gabaasa teenyee dhaggeeffachuurra hojii qabatamaan jiru akka arginu nu taasiseera jedhan.

Itti dabaluunis qamadii biyyi keenya biyya alaarraa galu qabatamaan hambisuun akka danda'amus waan abdii namatti horu jedhan.

Paartii Badhaadhinaatti itti gaafatamaa dhimma filannoo Obbo Zaadiig Abrahaa daawwannaa har'aatiin hamilee guddaatu natti dhaga'ame erga jedhanii sirna qonna biyya keenyaa osoo hin jijjiiriin diinagdee biyya keenyaa jijjiruun hin danda'amu jedhaniiru.

Itti dabaluunis “qonni biyya keenyaa rakkoo lama qaba, kunis xiqqoo oomishuu fi walitti hidhaminsa gabaati.Kanaafis kallattiin amma Mootummaan qonna kilaastaraa babal'isaa jiru furmaata fidee dhufa.Daawwiin Naannoo Oromiyaatti taasifne kunis akka Biyyaatti moodala gaariidha” jedhaniiru.

Jilli Hooggantoota Paartii Badhaadhinaa kun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti Buufata biqiltuu Avokaadoo Soodarees daawwateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015