Maallaqni Dheedhii Dhabbilee Faayinaansiin ala socho’u gara sistama baankitti deebisuuf birrii amma jiru jijjiiruun barbaachisaa dha

116

Finfinnee Caamsaa 18/2012(TOI) Dhaabbilee faayinaansii Itoophyaa idileen ala maallaqa socho’u gara sirna baankii galchuuf birrii amma jiru jijjiiruun barbaachisa jedhan ogeeyyiin diinagdee.

Maallaqa dheedhii baankotaa bahan  irratti daangaa ta’e milkeesuuf sirna kafaltii chekii ammayyessuun barbachisadhas jedhan.

 Baankiin biyyalessa Itoophiyaa qoranno Gamtaa Baankota Biyyattiin dhihaatefin bu’ura godhachuun namoonni dhuunfaa guyyatti kuma dhiba 2 ji’atti birrii miliyoona 1,dhaabbileen  immoo guyyaatti kuma dhibba 3 ji’atti hanga  miliyoona 2 fi kuma dhibba 5 baasuu akka danda’an qajeelfamni dhihenya bahee ture.

Qajeelfamni kun kan darbe maallaqni baankotatti kuufame hir’atee otooo hin taane, maallaqni baankotaan ala socho’u dhaabbilee faayinaansii idilee keessa naanna’uu yakka toohachuuf darbees sirna baanki ammayyaa senuuf  akka ta’e dubbatame. 

Dhimmi kun weerara covid-19 dabalaa dhufen fedhii maallaqa dhedhii yaada kessa hin galchine kan jedhufi gama biroon yakka toohachuu burjaajessa gibiraa dhaabuuf jechuun yaadota mormii lama kaase. 

Yunivarsiitii Sivilsarviisii Itoophiyaatti barsiisaan barnoota dinagdee obbo Masdii Naasir, maallaqa dheedhii irratti daangaan godhame yakka maallaqaa toohachuu ol baankota maallaqni dheedhii waan mudate fakkata jedhan.

Akkuma mootumman jedhe baankonni yakki kun isaan yaaddessee baafatan yoo ta’e daangaan kun bu’aa qabeessa akka ta’u birrii jijjirudha jedhan.

Maalaqni dheedhiin kan mudate weerara covid-19 uumamuuni kan jedhan obbo Mazdiin qajeelfamichi dhiibbaa dinagdee hirrisuu danda’a jedhamee yaadameeti jedhan.

Ogeessi misooma diinagdee Obbo Darajjee Dajane gama isaatiin dhaabbileen inveestimantii naannolee baadiyyaa biyyattiiti bobba’an  hojjettota hojii guyyyaaf mallaqa dhedhii waan kafalanif hanqinni isaan mudachuu mala jedhan.

Ta’uus garuu dhaabbileen duraanuu birrii kuma shanii olii eegalee cheekiidhan kan kafalamu wan ta’eef isaan deeggaruu malee dhiibbaa hin qabu jedhan.

 Akka obbo Darajjen jedhanitti qajelfamichi akka milkaa'u sirni gabaa cheekiii bankonni hordofan ammayyeessuu barbaachisa.

 Itophiyaatti daddabarsi maallaqaa seeran alaa fi taaksii dhoksuun gootummaa hanga fakkatutti hojjetamaa jiras jedhu ogeeyyiin dinagdee.

Kanaaf mootumman daddabarsa maallaqa seeran alaa fi taaksi dhoksuu too'achuuf daangaa maallaqa dhedhii irratti qofa kaahuu olitti  sirni taaksii sirratuu qaba jedhu.

Weerarri covid-19 fayyaa bira darbee diinagdee miidhuun lammiilee miliyoonota beelaaf saaxilaa jira. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015