Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 655 gahe

72

Finfinnee, Caamsaa 17/2012(TOI) Sa'aatii 24 Dabre Keessa Namoota 2844f Qorannoon Koroonaa Vaayirasii Taasifamee Namoota 73 Irratti Vaayirasichi Argamuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 49 dhiiroota yommuu tahan, 24 ammoo dubartoota.

Kanneen keessaa 27 kan tahan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, 15 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu himamee jira.

Namoonni 31 garuu seenaa imala biyya alaa kan hinqabneefi namoota qaban waliinis tuttuqqaa beekamu kan hinqabnedha jedhame.

lakkoofsi namoota waliigalaa Covid-19n qabamaniis 655 gaheera.

Gama biraatiin, sa'aatii 24 dabre keessa namoonni torba (afur naannoo Kibbaa, lama Tigraay fi namni tokko Finfinneerraa vaayirasicharraa bayyanachuus ibsamee jira.

Waliigalattis namoonni 159 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

haga ammaa namoota 83, 854 ta’aniif qorannoon Covid-19 taasifame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015