Hanqina hojiirra Oolmaa Labsii Yeroo Hatattamaa Qajeelfamni Fooyyessu Lakkoofsi 4 qophaahe

117

Finfinnee, Caamsaa 17/2012 (TOI)-Hojiirra Oolmaa Labsii Yeroo Hatattamaa fooyyessuuf qajeelfamni gargaaru lakkoofsi 4 qophaahuu ibsame.

Qajeelfamichi ifa ta’a jedhamee eeggama.

Abbaan Alangaa Waligala Federaalaa ,Poolisiin Federaalaa,Seera kabachiiftota Finfinnee fi Naannolee waliin raawwii hojiirra oolmaa Labsii Yeroo Hatattamaa irratti mariyatan.

Labsiin yeroo hatattamaa karaa walfakkaatuun hojiirra oolaa akka hin jirres ibsame. 

Hanqina kana guutuuf kan gargaaru qajeelfama lakkoofsa 4 jedhamu qophaahuus ibsame. 

Qajeelfamichi yeroo hojii galuu fi bahuu hojjettota mootummaa akkasumaas sochii geejjibaa irratti foyya’insa godheera jedhame. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015