Paappaayyaan heektaara 2000 ol irratti kilastaraan omishamu daw’atame

73

Finfinnee Caamsaa 17/2012(TOI)-Jilli Piridantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu dhaabbilee siyaasaa morkattootaa ,qabsaa'oota gameeyyii fi abbootii qabeenyan kilaastarri qonnaa Paappaayyaa daawwatamaa jira.

Kilaastarri qonna paappaayyaa kan daawaatame Godina shawaaa bahaa ,aanaa Dugdaatti yommuu ta'u lafa heektaara 2000 ol irratti kan oomishamedhas jedhan Hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee.

Itti dabaluunis qonnaan bulaan kallattiin gabaa Finfinneef akka dhiyyeessuus mijateeraaf jedhan. Labsii haaraa Mootummaan baaseenis qonnaan bulaan gara Investimentiitti akka cee'u ta'ee qonni kilaastara garaa garaa kanneen akka Qamadii, Garbuu ,Fuduraa fi Muduraan qindaa'ee naannicha keessatti hojjetamuus himaniiru Obbo Dhaabaan.

Obbo Battee Beenyaa Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Dugdaa gama isaaniin kilaastarri qonna paappaayyaa kun gandoota Afur keessatti qonnaan bultoonni gurmaa'uun kilaastara 21 irratti hojechaa jiraachuu himaniiru.

Itti dabaluunis paappaayyaan kilaastaraan oomishame kunis yeroo ji'a 8 hanga 9 tti nyaataaf akka qaqqabuu danda'u himaniiru.

Obbo Leencoo Lataa qabsaa'aan gameessi sirna daawwannaa kanarra turan gaaffii fi deebii TOI waliin taasisaniin "qonna warri keenya duraan qotaa turanirraa gara teekinooloojiitti guddisuun gaarii ta'uu fi qonnaan bulaan kallattiin hojii qonna daldalaarraatti boba'uun waan gaariidhas jedhaniiru.

Itti dabaluunis Mootummaan Gabaa biyya keessaaf qofa osoo hin taane gabaa biyya alaafis mijeessuu qaba jedhan.daaw’annan kun itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015