Iddoo adda baasanii tursiisuu Yunivarsiitii Sayinsii fi Teknooloojii Finfinnetti warra tajaajilaa jiraniif kennaan ayyaanaa tasifame

128

Finfinnee Caamsaa 15,2012 (TOI) Koreen xiqqaa Iddoo adda baasanii tursiisuu Yunivarsiitii Sayinsii fi Teknooloojii  Finfinnee keessatti iddoo adda baasanii tursiisuu keessa warra tajaajila gara garaa kennaa jiraniif  kenna ayyaanaa gumaachan.

Abbaan Alangaa Waligala federaalaa Aadde Adaanecha Abeebee fi Ministeerri Ministeera Dhimma Dubartootaa,Daa’immani fi Dargaggootaa Aadde Filsan Abdulaahii kaleessa galgala bakkichatti argamuun sochii hojjettoonni godhaa jiran galateeffatan.

Koreen xiqqaan kun hoolota 8 fi ro’oota bakka Pirezedaantiin Yunivarsiitichaa argamanitti Ayyana Id-Al-Fxirii waggaa kuma 1fi 441 sababeeffachuuni hojjettoota kaneeniif gumaache. 

Kennaan ayyaanaa kun iddoo tursiisa addaa Yunivarsiiticha keessatti kanneen ogummaa fayyaan, nagaa egsiftoota, qulqulleessitotaa fi hojjettoota biroof kenname. 

Deeggarsa hojjettoonni kun weerara kana too'achuuf godhanis galateeffatanii jiru.

Tajaajila isaaniin kennaa jiraniin mootummaan isaan cinaa jiraachuu kan ibsan qondaalonni kunneen wareegama biyyaf kafalan cimsanii akka itti fufanis dhaaman.

Ayyanicha qaaman walirraa fagatanis lapheen walitti dhihachuun akka kabajanis dhaaman. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015