Pirezidaantiin BMN Oromiyaa Ob. Shimallis Abdiisaa hordoftoota amantaa Isilaamaa hundaaf ergaa baga ayyaana Iid Al Faxir Geessaanii dabarsan

156

Finfinnee, Caamsaa 15/2012(TOI) Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob. Shimallis Baga Geessaanii Abdiisaa kabaja ayyaana Iid Al Faxir Sababeeffachuudhaan hordoftoota amantaa Isilaamaa hundaaf dabarsan.

Ergaa Guutuu Pirezidaantiin BMN Oromiyaa Ob. Shimallis Abdiisaa hordoftoota amantaa Isilaamaaf dabarsan

Duraan dursee baga ayyaana Iid al Faxir bara Hijiraa 1441ffaa tiin nagaan isin gahe! Baga geessan, iid muubarak jechuun fedha.


Baatiin Ramadaanaa kitaaba amantaa guddicha Quraana Qulqulluu keessatti baatii addaafi eebbifamaa ta’uun isaa ibsameera. Baatii eebbifamaa kana keessatti Musiliimotni Sooma, Solaataafi fedhii bu’uuraa dhala namaa irraa of qusachuun Rabbitti dhiyaachuun dabarsu. Baatiin kun yeroo maatiin sababa hojiitiif bakka adda addaa turellee walitti dhufee Uumaasaa waliin kadhatuufi galateeffatu ta’uunsaa adda isa taasisa.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa biyya keenyaa qajeelfama amatichaa hordoftanii baatii Ramadaanaa fi ji’a eebbifamaa kana guutuu Soomaafi Solaataan dabarsitanii, guyyaa Iidaa arguuf carroomtan martinuu irra deebiin baga geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.


Ramadaanni mallattoo tokkummaa jabaa dha. Baatiin kun ji’a araaraa fi dhiifamaati. Baatii kana keessa beekees ta’e daguudhaan nama waliin kan wal dhabe kan itti walitti araaramuufi dhiifama waliif godhu, qabeenya horaterraa sadaqaa kennuudhaan rakkataa kan itti gargaaruufi guutummaatti Uumaasaatti of kennuun guddina jireenya afuuraa kan itti agarsiisu dha.

Ummatni Musliimaa naannoo fi biyya keenyaas baatii kabajamaa kana miira tokkummaa cimsuun, kan rakkate gargaaruun akkasumas nagaa biyyaa fi fayyaa ummata keenyaaf du’aayii kadhachuun rakkoo yeroo keessa akka baanu, darbees biyyaa ijaaruuf tattaaffii fakkeenyummaa qabu taasiftaniif isin galatoomfachuun barbaada.


Kabajamtoota hordoftoota amantaa IslaamaaQajeelfamoota gurguddoo amantaan Islaamaa ittiin beekamu keessaa dhugaa labsuu, haqa mirkaneessuu, hammeenyaafi jal’ina mormuufi balaaleffachuun hordoftoota amantichaa qofa biratti osoo hin taane, hawaasa hunda biratti duudhaa waloo ta’ee kan fudhatamee dha. Kaleessi keenya sona miidhagaa kana nu dhaalchiseera.

Har’as kan ittiin boonnuufi hojjechaa jirruu dha. Tibba weerara Dhibee Koronaa(COVID-19)tiin biyyi keenyaafi addunyaan qormaata guddaa jalatti kuftee jirtutti deeggarsi birmannaa kallattii afranii hordoftoota amantaa Islaamaafi ummata biyya keenyaa maraan taasifamaa jiru, duudhaan wal-gargaarsaafi waliin jireenyaa kun caalmaatti akka ifu taasiseera.

Kanaafuu, sona amantichaa kan ta’e, kan dhabe gargaaruufi kan dhibame deeggaruun, haqummaafi dhugaa dubbachuun ijaarsa biyyaafi ummataatiifis qabeenya dhaalaa isa ijoo waan ta’eef carraa kanatti fayyadamee caalmaatti dagaagsuu qabna dhaamsa jedhu dabarsuun fedha.


Hundaa olitti, akka mootummaatti rakkoo biyyaafi ummatatti dhufe kana dandamannee akka dabarruuf, qaamoleen martinuu gahee isaanii akka bahatan gochuuf hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiru. Qophii duraa irraa eegalee hanga barumsa hubannoo uumuutti, labsiifi qajeelfamaan hanga itti gaafatamummaa hordofsiisuutti hojiin Koronaa ittisuufi toa’chuuf hojjetame guddaa dha.

Kana keessatti hordoftoonni amantaa Isilaamaa Ji’a guddicha raamadaanaa kana keessatti kallattii abbootiin amantaa fi mootummaan kaa’aman hojiirra oolchuun tumsa ol’aanaa taasisaa turaniif galateeffachuun barbaada.

Ammas taanaan hanga tatmsa’ina vayirasichaa to’annutti barumsa ogeeyyii fayyaafi gorsa abbootiin amantichaa dabarsan dhaggeeffatanii of eeggannoo barbaachisu gochuun cimee itti fufuu akka qabu dhaamsa koo isinii dabarsa.

Haala qabatamaa tibbana jiruun akka biyyaafi addunyaatti lakkoofsi namoota Vaayirasichaan qabamanii dabalaa dhufuunsaa sodaa biroo uumaa waan jiruuf, ergaa dureewwan amantaa dabarsan hordoftanii, labsiifi kallattii mootummaafi gorsa ogeeyyii fayyaa kan duraanii caalaatti akka hojiirra oolchitan dabalee wayitan dhaamu imaanaa guddaa waliini.
Xumurarrattis, kan yaaddan akka isiniif milkaa’u, kan soorattan akka isiniif sifaa’u hawwaa, ayyaanni Sooma hiikaa kun kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa akka isiniif ta’un hawwa.

Ayyaana GaariiCaamsaa, 2012Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015