Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Hordoftoota Amantaa Islaamaaf Ergaa Baga Geessanii Dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Hordoftoota Amantaa Islaamaaf Ergaa Baga Geessanii Dabarsan

Caamsaa 15/ 2012 (TOI) Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Hordoftoota Amantaa Islaamaaf maraaf Ergaa Baga Geessanii Dabarsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ayyaana Iid –Aal-Faxiir 1441ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniin.ji’i Ramadaanaa Fedhii Foonii keenyaa Fedhii Hafuuraan mo’achuunii fi ji’a of abboomuu ta’uu himaniiru.
Namni jireenya biyya lafaarra dabarsee jireenya waaqarraa yerootti yaadudhas jedhan Dr.Abiyyi.
"Namoonni Baay’een yommuu ji’i Ramadanaa seenu Gammachuu guddaatu itti dhaga’ama.Karaa biraan immoo yeroo inni dhumu ni gaddu.Kunis bakka ol ka’insa tokkorraa akka gadi bu’anitti itti dhaga’ama" kan jedhan Minissirri Muummee Dr.Abiyyi ,keessumaa soomanii Ramadaanaa Bara kanaa weerara vaayirasii Koronaa akka biyaatti mul’ate moo’achuuf meeshaa isa guddaa waan tureef yoomiyyuu hin irraanfatamu jedhan.
"Soomaana Ramadanaa bara kanaa kan jalqabnes yerootti weerara vaayirasii koronaa waliin fuulaa fi fuulatti waraana jalqabnee fi yeroon itti raawwates yeroodhuma rakkisaa kanatti" jedhan Dr. Abiyyi..
Uummanani Muusilimaa Ji’a Ramadaanaa isa guddicha Masjiidarraa adda osoo hin ba’iin dabarsuuf waggaa guutuu hawwiin akka eegu kan himan,garuu bara kana dhiibbaa weerara Vaayirasii Koronaarraa kan ka’e akkas ta’uu hin dandeenyes himaniiru.
naamoonni baay’een soomichaa fi soolata kan dabarsan mana isaaniitti ta’uu kan yaadachiisan Dr.Abiyyi ,Waqtii kana Obsa,ajajamuu fi fageessanii yaaduun Uummanni Muusilimaa agarsiisaniif galateeffataniiru.
Ayyaanni Iid Alfaxir 1441ffaan booru; Dilbata kabajamu walii yaadaa, walgargaaruu fi walkabajuun akka kabajamus dhaamaniiru.
Namoota harka qalleeyyii ta'an deeggaruun tumsa yaataasisnus jedhaniiru.
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin manneen amantaa akka durii banaa akka hin turin yaadachiisanii, baatii Ramadaanaatti soomanaa fi araaraf gara Waaqaatti deebi'uun dabarfamuu ibsan.
Tamsa'inni vaayrasii koroonaa miidhaa akka hin qaqqabsiisne of eeggannoon akka cimu dhaamaniiru Dooktar Abiy.
Of eeggannoon taasisnu namoota jaalannuufis waan ta'uuf, of dagannaan gonkumaa akka hin barbaachisne dhaamaniiru.
Ayyaanichi wayita kabajamu lammiilee harka qalleeyyii ta'an gargaaraa, vaayrasicharraa of eegaa akka ta'us dhaamsa dabarsaniiru.