Malkaa Bal’ootti sigiga lafaa uumameen lubbuun maatii tokkoo darbe

69

Finfinnee Caamsaa 14,2012(TOI) - Harargee Bahaa Anaa Malkaa Bal’ootti Caamsaa 13/2012 Galgala Balaa Sigiga Lafaa Mudateen Lubbuun Maatii tokkoo Namoonni Jaha Darbuu Polisiin Beksise.

Qajeelcha Poolisii Godinichaatti Dameen Kominikeeshiniitti Eeggataa Itti Aanan  Inispeektar Tolosaa Goshuu TOI akka himanitti balaan kun ganda Tokkummaa Jaalalaa bakka Kabiir jedhamutti rooba cimaa robe  sigiga lafaa uumameeni jedhan.

Halka naannoo sa’aatii 7tti lafti  sigigaatee manni achirra jiru jigee maatiin  manicha keessa rafanii jiran 6 lubbuun isaanii darbee jedhame.

Maatiin lubbuun darbe haadha takkaaf ijoollee ishee shani.

Dabalataanis ra’oonni  4 fi saani tokko du’uu isanii Inispeektar Tolasaan ibsanii jiru.

Ka’umsi balaa kanaa iddoo balaaf saaxilamaa ta’etti mana ijaaruu ta’uu eeruun uummanni ijaarsa manaa iddoo balaaf nama saaxilutti raawwachuu akka hin qabne dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015