Uummanni Muusilimaa Akkuma baatii Ramadaanaa Wayita Ayyaana Sooma Hiikaa kanattis of eeggannoo akka taasisu gaafatame

151

Ministirri Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaa Dr.Liyaa Taaddasaa Ayyaana Id-Alfaxir  1441ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Dr.Liyaan Ergaa isaanii keessattis Uuummanni Muusilimaa yeroo Sooma Ramadaanaa keessatti Of eeggannoo Vaayirasii Koronaarraa taasiisa ture yeroo ayyaana sooma hiikaa kanattis akka dabalu gaafataniiru.

Itti Dabaluunis Uummanni yeroo Ayyaana  kabajuuf qophaa’u kanatti gabaa keessatti yeroo bittaa fi gurgurtaa raawwatan walirraa fageenya isaanii akka eeggtan,Golgaa ykn haguuggii afaanii akka kaayyatanii fi qulqullina harka isaanii akka eeggatanis dhaamaniiru Dr.Liyaan.

Guyyaa Ayyaanichaas  Hordoftoonni amantichaa maatii isaanii waliin akka kabajanii fi nyaatawwan bilchaatan akka nyaatan, akkasumas yeroo qalma raawwatanittis of eeggannoo taasiisuu akka qaban Ministirri Ministira Fayyaa Itiyoophiyaa Dr.Liyaa Taaddasaa Dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015