Itiyoophiyaa yeroo Kafaltii liqii Dheereffameefitti Fayyadamuun Dhiibbaa Diinagdee Dandamachuuf Hojjetaa Jirti.

69

Finfinnee Caamsaa 14,2012(TOI)- Itoophiyaan liqii biyyoota irraa argatte yeroo kennameefitti  dhiibbaa weerarri koronaa geessisu tohachuuf oolchaa jirti jedhan ministirri maallaqaa.

Dhaabbileen liqii yeroo liqiin deebi’u dheeressuu bira darbanii mala furmaata biros barbaaduu akka qaban Itoophiyaan waamicha dhiheessitee jirti.

Weerara Covid-19 bu’uura  gdhachuun Biiyyoonni  Miseensota Garee 20 jedhaman biyyoonni guddataa jiran liqii irra jiru A.L.A.  hanga muddee 30,2020 akka kafalan murtee dabaruun isaa ni yaadatama.

Deetaan Ministeeraa Maallaqaa Dr.Iyyoob Takkaallin TOI akka himanitti murteen kun biyoota guddataa jiran weerara koronaa akka ittisanii fi toohatan tumsuu kaayyefatee jedhan.

Sababa weera kanaan biyyoonni guddataa jiran dhiibbaa  diinagdee  hamaan mudataa jira kanaaf biyyoonni idaa  isaanii herreeggachuu keessaa bahanii weerara kana akka toohatan gargaara jedhan.

Itoophiyaan liqii biyyoonni garee 20 kennaniif weerarri Covid-19 dhiibbaa diinagdee irraan gahu qolachuuf itti fayyadamaa akka jirtus ibsanii jiru.

Kana malees yeroo kafaltii idaa dheeressuu bira darbee idaan akka irraa haqamus gaafattee deebii eeggaa jirti jedhan Dr.Iyyoob. 

 Akka Dr. Iyyoob jedhanitti murtee yeroo idaa dheeressuu biyyoonni garee miseensa 20 dabarsan waliigaltee Mootummootaa kan ibsuudhaa jedhan

.

Ta’us garuu biyyoonnii Afrikaa Motummoota bira darbee waliigaltee liqii Dhaabbilee waliin kan raawwatan waan ta’eef liqiin kun qaamaa waligaltee kanaa ta’uu fi dhiisuu mirkaneessuuf marii dabalataatu barbachisas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015