Waldaan Hojjettoota Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Lammilee naannoo Oromiyaa garaagaraarraa buqqa’aniif deeggarsa taasise

64

Caamsaa 14/2012 (TOI) – Waldaan hojjettoota daandii qilleensaa Itiyoophiyaa lammiilee naannoo Oromiyaa garagaraarraa buqqa’anii magaalaa Laga Xaafoo Laga Dhaadiitti argamaniif deeggarsa taasise.

Deeggarsichi kan taasifame buqqaatoota maatii 512 ta’aniifidha.

Waldaan hojjettoota daandii qilleensa Itiyoophiyaa deeggarsa nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa Vaayirasii Koronaa ittisuuf oolan kan Birrii Kuma Dhibba Shan (500,000)’n bitaman kennuu pirezidaantiin waldichaa InjIinar Taliilaa Dheeressaa himaniiru.

Deeggarsichas Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Laga xaafoo laga Daadhii Aadde Habiibaa Siraaj fuudhaniiru.

Pirizedaantiin waldaa hojjettoota Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Injinar Taliilaa Dheeressaa wayita deeggarsicha kennanitti lammiilee harka qalleeyyii ta’aniif qaqqabuun dirqama hawwaasummaa nurra jiru ba’achuuf kan goonedha jedhaniiru.

Itti dabaluuni “Yeroo rakkisaa kana darbuu kan dandeenyu yoo waldeeggarredha” jedhan Injiinar Taliilaan.

Waldichi kanaan duras Koree biyyaaleessaa COVI-19 To’achuuf dhaabateef deeggarsa Birrii Miiliyoo Tokkoo taasiisuu isaa pirezidaantiin waldichaa Injinar Taliilaa Dheeressaa himaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Aadde Habiibaa Siraaj wayita deeggarsicha fuudhaniitti dubbii dabataniin, waldaan hojjettoota daandii qilleensa Itiyoophiyaa waamicha Muummicha Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad “Qooddannaa Maaddii” fudhachuun dhaabbilee Federaalaa keessaa dursa gara Magaalaa keenyaa kan dhufedha jechuun galatoomfataniiru.

Waldaan Hojjettoota Daandii qilleensa Itiyoophiyaa kun guyyaa booris Godina Goojjaam Bahaatti argamuun maatiiwwan 250 harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa taasiisuuf jiras jedhameera.

Waldaan Hojjettoota Daandii qilleensa Itiyoophiyaa bara 1995tti waldaa hundaa’edha. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015