Namtichi Mana Baankii Daldalaa Baalee Gobbaa Cabsuun Saame Hidhaan Adabame

89

Gobbaa Caamsaa 14/2012 (TOI) - Namni maqaan isaa Muktaar Huseen jedhamu Baankii Daldala Itiyoophiyaa Damee Baalee Gobbaa cabsuun seenee hanna raawwate Manni Murtii Olaanaa Godinichaa  hidhaa waggaa 5 fi ji’a jahaan itti murteessee.

Namni kun gaafa Caamsaa 6/2012 halkan keessaa sa’atii 8 Baankii Daldala Itiyoophiyaa damee Baalee Gobbaa dallaa utaaluun seenee foddaa sibiilaan muruun gara keessaa gale.

Balbala sanduuqni maallaqaa keessa taa’u erga cabsee seenee Waardiyyooni eegumsarra turan eeruu poolisii magaalaa Gobbaaf kennaniin harkaf harkatti qabamuu danda’ee jira jedhan  itti gafatamaan wajjira poolisii magaalaa Gobbaa Inispektar Kadiir Bakaree.

Poolisii fi Abbaan Alangaa himata irratti bananii Mana Murtii Olaanaa Godina Baaleetti akka himatamu ta’ee jira 

Himataamaan mana murtiitti dhihaatee gochicha raawwachuu amanee jira. 

Manni Murtii Olaanaa Godinichaa himatich ilaalee nama biros ni barsiisaa jechuun Caamsaa 13/2012 himatamaa hidha waggaa shaniif ji’a jahaan adabee jiraa Jedhan Itti Gafatamaan Wajjira Poolisii Magaalaa Gobbaa Inispektar Kadiir Kabaree.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015