Sirna Solaataa Ayyaana Iid- Aal-Faxiir 1441ffaa Uummanni Musilimaa Mana isaatti akka gaggeessu gaafatame

110

Caamsaa 14/2012 (TOI) Sirna Soolataa Ayyaana Iid- Aal-Faxiir 1441ffaa Uummanni Muusilimaa Mana Mana isaatti akka gaggeessu jedhe Manni  Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa.

Ayyaanni Iid Aal-Faxir 1441ffaan addeessi har'a galgala yoo mul'atte boru (Sanbata)  yoo muul'achuu baatte Dilbata dhufu kabajama.

Ergaa Baga geessanii kan dabarsan Pirezidaantiin Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muuftii  Hajjii Umar Idiriis Uummanni Muusilimaa Ayyaana Iida Bara kanaa kan kabaju yeroo Vaayirasiin Koronaa itti tamsa’etti waan ta’eef dhukkubbichi akka hin babal’anneef of eeggannoo taasiisuu qaba jedhaniiru.

Ayyaanicha yommuu kabajnus warra rakkatan gargaaruu,walii gadduu fi tokkummaa keenya bifa jabeessuu dandeenyuun ta’uu qabas jedhaniiru.

Itti Dabaluunis Ayyaana Iida bara kanaa kan kabajnu Mootummaan gaaffii Uummata Muusiliimaa kan ta’e Lfa masjiidaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa yerootti fudhanne jechuun ibsuun Mootummaas galateeffataniiru.

Dhumarrattis Uummata Muusilimaa maraan baga Ayyaana Iid –Aal –Faxir 1441ffaan isin ga’e jedhaniiru Piriezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muuftii Hajjii Umar Idiris.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015