Itiyoophiyaatti Namoonni Vaayirasii Koronaatiin Qabamana 30 Haaraan Argaman.

89

Caamsaa 14/2012 (TOI) Sa’aatii 24 dabarsine keessatti Qorannoo Laaboraatoorii Namoota 3,645 f taasifame keessaa namoota 30 irratti Vaayirasiin Koronaa argamuu Ministiri Fayyaa Itiyoophiyaa beeksiiseera.

Ministirichi Ibsa baaseen Namoonni haaraan vaayirasichi irratti argame hundinuu lammilee Itiyoophiyaa ta’uu beeksiiseera.

Lammiileen Vaayirasichi irratti argames umrii 15 hanga 60 gidduutti kan argamanii fi dhiira 26fi dubartoota 4 ta’uus ibseera.

Kanneen keessaas namoonni 18 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessaa, namoonni 3 Naannoo Affaarii, Namoonni 4 Naannoo Oromiyaarraa, namoonni 3 Naannoo Tigraay irraa fi namoonni lamammoo konkolaachistoota konkolaataa daangaa darbanii fe’aniitis jedhameera.

Kaanneen har’a Vaayirasichi irratti argamuu mirkanaa’e keessaa namoonni 9 seenaa imala biyya alaa kan qaban, namoonni 17 immoo nama kanaan dura vaayirasichaan qabame waliin tuttuqqaa kan qabanii fi namoonni Afur immoo seenaa Imala biyya alaas ta’e nama vaayirasichi qabe waliin tuttuuqqaa kan hin qabnedha.

Oduu biraatiin namoota Vaayirasii Koronaatiin qabaman keessaa namoonni haaraan shan dhukkubicharraa dandamataaniiru.

Hanga ammaattiis Itiyoophiyaa keessatti namoonni 429 Vaayirasii Koronaatiin yommuu qabaman, kanneen keessaa namoonni 128 dhukkubicharaa deebi’anii dandamataniiru.

Qorannoo hanga ammaatti taasifameenis namoota 73,164 f qorannoo laaboraatoorii taasiisuu Ministirri Fayyaa Itiyoophiyaa beeksiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015