Nammoonni Dabalataa 9 Vaayirasii Koronaan Qabaman - ENA Afaan Oromoo
Nammoonni Dabalataa 9 Vaayirasii Koronaan Qabaman

Finfinnee: camsaa 13/2012(TOI)- Qorannoo labaraatoorrii sa’aatii 24 keessatti namoota 3747 ta’aniif taasifameen namoonni dabalataa 9 vaayirasii koronaan qabamuu Ministirri Fayyaa Dr.liyaa Taaddasaa beksisan.
Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti Vaayirasii Koronaan qabamanii 398 gahee jira.
Namoonni qorannoon vayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaahe 8 dhiira , 1 dubartii yoo taatu hundinuu lammiilee itoophiyaati.
Nammoonni vayirasichaaan qabaman umriin isaanii waggaa 20 hanga 49 gidduutti argamu jedhan Dr.Liyaan.
Namootni 3 jiraattota finfinnee ,namni tokko imala biyya alaa kan qabu, lamaan immoo namoota vayirasichan qabaman waliin tuttuqaa qabu. Namoonni 2 immoo naannoo Affar irraa imala biyyaa alaas ta’ee tuttuqaa hin qaban.
Namni tokko immoo Jigjigaa iddoo tursiisaa keessaa yo ta’u, imala biyya alaa kan qabuu dha. Namni tokko kan biros naannoo Tigraay iddoo adda baasanii tursiisu keesaa yoo ta’u imala biyya alaa qaba. Namoonni 2 immoo Naannoo Amaaraa iddoo adda baasanii tursiisuu Matammaa kanneen turan yoo ta’u imala biyya alaa kan qabanijedhame.
Namni tokko dabalataan vayirasicha irraa kan dandamate yoo ta’u waliigalatti namoonni 123 bayyanatanii jiru. Namoonni vaayirasichaan qabamanii yaalamaa jiran 268 jedhan Dr.Liyaan.
Itoophiyaan hanga ammaa qorannoo labaraatoorii namoota kuma 69 fi 507 taasifte.