Hawaasni Duudhaa Aadaa isaa Fayyadamuun Weerara Covid-19 Toohachuu qaba

55

Finfinnee Caamsaa 13/2012 (TOI)- Hawaasni Duudhaa Aadaa isaa Fayyadamuun Weerara Covid-19 Toohachuu qabna jedhe Ministeerri Aadaaf Turizimii.

 Manni hojichaa Mata Duree “Duudhaa Aadaa Keenyaa Kabajuun Koronaa yaa Ittifnu" mata-duree jedhun hubannoo uumaa jira.

Ministeerri Aadaaf Turizimii iddoo gabaa, bakkee wwan namni itti baayya’atu, iddoo geejjibaatti guyyoota lamaaf hawaasni vaayirasicha irraa akka of eegu hubannoo uumaa jira.

Daarektara Misoona Duudhaaf Aadaa kan ta’an Aadde Iskadaar Girruum hawaasni duudhaa aadaa isaa eeggatee weerara kana irraa akka of eeguuf hubannoo uumuuf yaadameeti jedhan.

 Harka wal-fuudhuu, manaa bahuu fi buna waliin dhuguun hafeera kan jedhan Aadde Iskadaar kunis weerarri kun dhiibbbaa aadaaf duudhaa hawasaa irraan gahe mullisa jedhan.

 Hawaasni lapheen walitti dhihaachuun wal gargaaruu fi wal utubuun  dhiibbaa weerarichaa toohachuu akka qabu dhaaman.

Hawaasa biratti of daganna fi salphisanii ilaaluu hamaatu jira kan jedhan ergaa dursanii of eeguu ogeessonni fayyaa dabarsan sirnaan hojiirra oolchuun akka barbaachisus dubbatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015