Labsiin Yeroo Hatattamaa Weerara Kooviid-19 Hir’isuu Humna Ni Uuma

63

Finfinnee Caamsaa 13/2012 (TOI) - Labsiin Yeroo Hatattamaa Motumaan Labse Tamsa’ina Vaayirasii Covid-19 Tohachuu fi Saaxilamumma Namootaa Hirrisuuf Human  Guddaa ta’aa  Jedhe Ministeerri Fayyaa.

Gaaffii hiikamuu Heera Mootummaa irratti ibsi  Ogeessotaa geggeeffama jira.

Haaluma kanaan mootummaan labsii yeroo hatattamaa labsuun sirridha moo sirrii miti? Yoo sirri ta’e akkamitti gaaffiin jedhu ka’ee jira.

Gaaffii kanaaf deebii kan laatan Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa, weerarri vaayirasii Covid-19 guutuu addunyaatti lubbbuu lammiilee kuma 300 olii galafachuun namoota miliyona 5 ol qabuun adunyaa irratti babal’achaa jira jedhan.

Vaayirasichi biyyoota sirna fayyaa jabaa qabaniifis qormaata dinagdee fi hawaasummaa ta’aa jira kan jedhan Dr.Liyaan, namoonni mallattoo otoo hin agrsiisiin vaayirasicha daddabarsuu fi talaalliinis ta’ee qorichi dhabamuun falli ammaaf jiru waliirraa siiquu fi tuttuqaa namootaa dhaabuu ta’uu yaadachiisan.

Sochii dangessuun dhibee kana tohachuun barbaachisaa waan ta’eef gocha kana hojiirra oolchuuf eyyamni  seeraa barbaachisaadha jedhan.

Kanaafis labsiin yeroo hatattamaa barbasichaa ta’uu eeruun sochii irratti daangaa gochuun namoota vaayirasicha irraa baraaruu bira darbee namoota vaayirasichaaf saaxilaman adda baasuun kanneen dhibaman fohachuuf humna dabalataa ta’aa jedhan.

Labsichi vaayirasichi sadarkaa yaaddessaa yoo gahes deebii hatattamaa kennuuf humna uuma jedhan.

Weerara kana tohachuuf labsiin yeroo hatattamaa barbaachisaa ta’uus ibsanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015