Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahmad Ayyaana Fiichee Cambalaalaatiif Ergaa Baga Geessanii Dabarsan

124

Muummichi Ministiraa Abiyyi ergaa baga geessanii isaaniitiin Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa saba Siidaa ayyaana bara haaraa Yuuneeskootti hambaa ta’anii galmaa’an shan biyyi keenya qabdu keessaa ta’uu kan ibsan Itiyoophiyaan aad-daneessa, duudhaa baay’ee, kennaa hedduu kan qabdu ta’uu ishee ayyaanni Fiichee Cambalaalaa ragaadha jedhan.

Ummanni Itiyoophiyaa haamilee qabeessa taateewwan

Haaraa jabeessee kan barbaadu ta’uu isaa kan agarsiisan keessaa ayyaanni Fiichee Cambalaalaa bara haaraa haamilee fi  kan eegan ta’uu haalaan kan ibsu ta’uu eeran.

Ayyaanni Fiichee cambalaalaa beekumsa keenya durii sirna hawaa waliin wal qabatan akka qabnu kan ibsu ta’uu kan beeksisan muummichi ministiraa jaarsoliin gaafa guyyaa ayyaanichaa walitti dhufeenya lafti, aduun, addeessii fi urjiin qaban ilaaluunii fi waliitti dhufeenya kanneenii

Qorachuun ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa bara moofaa keessaa bara haaraatti darbuuf galata, bara dhufu kan nageenyaa, jaalalaa fi badhaadhinaa akka ta’uuf waaqaaf kadhata kan itti dhihaatu ta’uu muummichi ministiraa ibsan.

Warri wallolan kan itti araaraman, waaqayyo jaarsoliif dhugaa kenne guyyaa itti mirkaneeffamu, Ijoollee fi loon guyyaa itti quufanii oolan jedhan.

Muummichi Ministiraa ergaa isaaniitiin ayyaanichi qooddatnii jiraachuu, bulchiinsi gaariin akka jiraatuu fi walitti dhufeenyi hawaasummaa akka cimu, nageenyaan waliinj iraachuu saboota biroo waliin walitti dhufeenyi akka dabalu jajjabeessa jedhaniiru.

Muummichi ministiraa Abiyyi Addunyaa fi biyya keenya yaaddoo keessa kan galche weerara vaayirasii koronaa bara dhufutti akka hinceene bara haaraatti gara badhaadhinaatti akka nu geessu ummata Sidaamaa waliin waaqa kadhanna jedhan ergaa dabarsaniin.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa bara kanaa sababa vaayirasii koronaatiin akka kanaan duraatti sirna ho’aan bakka Gudumaalleetti ummanni walitti qabamee dabarsuun dadhabamullee jaarsoliin Sidaamaa haala addunyaan keessa jirtu hubachuun ayyaanicha mana keessatti akka kabajamu ergaan dabarsan biyyaa fi ummata isaaniif itti gaafatamummaa qabaachuu, hundaa ol lubbuu namaaf dursa waan kennaniif kabajan isaaniif qabu ibsuun barbaada jedhaniiru.

Muummichi ministiraa Abiyyi qajeelfama jaarsolii fi abbootiin Sidaamaa dabarsan kabajnee hunda keenya ayyaanicha mana keenyatti, harka keenya dhiqachaa,walirraa fageenya keenya eeggachaa, kan rakkatan gargaaruun ayyaana Fiichee Cambalaalaa bara kanaa kabajna jechuun ergaa baga geessanii goolabaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015