Godina Gujiitti namootaa fi konkolaachiftoota dambii fi labsii koronaa tohachuuf bahe cabsan 41 maallaqaan adabaman

58

Nageellee caamsaa 12/2012 (TOI)- Godina Gujiitti namootaa fi konkolaachiftoota dambii fi labsii koronaa tohachuuf bahe cabsan 41 maallaqaan adabamuu qajeelchi poolisii godinichaa beeksise.

Saajin olaanaan ittisa yakkaa fi miseensa komaandi poostii  Guutamaa Saafee saxilamummaa vaayirasichaa hirrisuuf magaalota godinichaa 3 fi aanota 14 keessatti labsicha hojiirra oolchuuf ciminaan hojjetamaa jira jedhan.

Namoota dhunfaa fi konkolaachiftoota labsicha cabsan tokkoon tokkoon isaanii birrii kuma 1 fi dhibba 5 hanga birrii kuma 2 adabamanii jirus jedhan.

Hojii kanaan cinaatti miseensonni poolisii hawaasni fageenya isaanii eggatanii akka deeman hojii hubannoo uummuu hojjetaa jirras jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015