Vaayirasiin Koronaa Dabalataan Namoota 24 Irratti Argame

69

Caamsaa 12/ 2012 (TOI ) –Sa’aatii 24 darbe qorannoo laaboraatoorii taasifameen 3,460 keessaa namoota 24 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Walii galaan Itiyoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 389 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu lammii Itiyoophiyaa yemmuu ta’an umriin isaan waggaa 4 hanga 58 akka ta’ee fi  kanneen keessaa dhiirri 18, dubartoonni 6 akka ta’an ministeerri fayyaa beeksiseera.

Kanneen vaayirasichi irratti argame  8 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa kan qaban, 12 ammoo seenaa imala biyya alaa kan qabanidha.

Namni 4 ammoo tuttuqaas, seenaa imalaas kan hin qabnedha.

Kanneen keessaa 9 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an, namoonni 7 ammoo naannoo bakka adda baasuun tursuuTigraay Maqalee, 8 naannoo Amaaraa bakka adda baasuun tursuu Matamaa keessaa akka ta’e ministeerichi ibseera.

Namoonni haaraan 2 dhibicharraa bayyanataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dhibee kanarraa bayyanatan 122 yemmuu ta’an namoonni 260 yaaalarratti argamu.

Waliigala Itiyoophiyaatti namoota 65,760f qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015