Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee Namoota Harka Qalleeyyii 1,200 Ta’aniif Teeggarsa Taasise

140

Naqamtee, Caamsaa 12/2012 (TOI)  - Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee Namoota harka qalleeyyii  1,200  ta’aniif deeggarsa Midhaan nyaataa fi Meeshaalee qulqullinaa birrii miliyoona 2 fi kuma 500itti tilmamamu taasise.

Deeggarsi  taasifame kun namoota harka qalleeyyii gandoota bulchiinsa magaalaa Naqamtee hunda keessaa adda baafaman Kuma tokkoo fi dhibba lama (1,200) ta’aniif taasifame  jedhan Itti anaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Dassaalenyi Qanaatee.

Itti Dabaluunis namoota harka qalleeyyii adda baafaman kanneeniif tokkoon tokkoo isaaniif Daakuu kiiloo giraama 25, Zayitii nyaataa Liitira tokko, Saamunaa qulqullina ittiin eeggatanii fi Sanitaayizariin kennamuu himu Obbo Dassaalenyi Qanaatee.

Deeggarsichis kan argame  Abbootii qabeenyaa magaalicha keessa jiraatan, dhalattoota naannoo biyya alaa jiraatanii fi dhaabbilee Mit-Mootummaa irraa argame jedhan Obbo Dassaalenyi Qanaatee.

Deeggarsi amma namoota harka qalleeyyii Bulchiisa magaaliittii keessa jiraataniif taasifame baasii Birrii Miiliyoona tokkoo  fi Kuma dhibba shaniin bitames jedhan.

Namoota Deeggarsi taasifameef keessaa Aadde Ilfineeshi Birraatuu tokko kan ta’an deeggarsa taasifameetti gammaduu isaanii himuun, warra deeggarsicha taasisaniif galatoomfataniiru.

Aadde Warqineshi Tasammaas namoota harka qalleeyyii deeggarsicha fudhatan yemmuu  ta’an, Isaanis akka jedhanitti kanaan dura hojii humnaa hojjechuun maatii isaanii jiraachisaa kan turan erga Vaayirasiin Koronaa tatamsa’ee kaasee garuu rakkoo keessa galanii akka turan himuun, deeggarsa amma karaa Bulchiinsa Magaalichaa taasifametti gammaduun galateeffataaniiru.

Hanga guyyaan kun darbutti Abbootiin qabeenyaa, namoonni jireenya fooyya’aa qabanii fi Lammileen biyya alaa jiraatan namoota harka qalleeyyii yaadachuu qabu jechuun Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Dassaaleenyhi  waamicha dhiyyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015