Walga’iin Koree Siyaasaa Olaanaa Itiyoo- Sudaan Xumurame

59

Finfinnee Caamsaa 10/2012 (TOI) – Walga’iin koree siyaasaa olaanaa Itiyoo-Sudaan Finfinneetti adeemsifamaa ture xumurame.

Walga’iin koree siyaasaa olaanaa Itiyoo-Sudaan muummee ministirootaa biyyoota lamaaniin bakka bu’ame Caamsaa 8-10 Finfinneetti walga’uun hariiroo boyyoota lamaanii caalmaatti guddisuun kan itti danda’aman dhimmoota daangaa fi dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawoota daangaa biyyoota lamaanii irratti mari’ateera.

Gareen jila Itiyoophiyaa itti aanaa muummee ministeraa RDFI Dammaqaa Mokonnoniin kan durfame yoo ta’u, gareen jila Sudaan ministira dhimmoota kaabinee rippaabiliika Sudaan Omaar Bashiriin durfame.

Mariin siyaasaa kun hariiroon gaarii, nageenyi, waliin jireenyii fi waliigaltee waliinii irratti  kan hundaa’e hariiroo waggoota dheeraa biyyoota lamaanii karaa cimsuun akka adeemsifame himameera.

Deddeebisiin seeraan alaa namootaa fi meeshaa waraanaa ugguruu fi gochoonni seeraan alaa naannawoota daangaa biyyoota lamaaniirratti mul’atuan waliin ta’uun dhaabuun haala itti danda’amuu fi furmaata barbaaduuf kallattiin kaa’ameera.

Qonnaan bultootta naannawa kanneenitti argaman bu’aa ba’ii tokko malee tasgabbaa’anii hojii qonnaa akka hojjetan walii galameera.

Yaaddoon nageenyaa fi sochiiwwan human nagenyaa tasgabbii jiraattitaa jeeqan yeroo dhihoo asitti mul’achaa waan jiraniif hatattamaan akka sirratan marii taasifameen hubannoon uumameera.

Qaamoleen bulchiinsaa olla biyyoota lamaanii yeroo yerootti walarguun garaagarummaa dhiphisanii dhimmoota nageenyaa waliinii irratti mari’achuu akka qaban waliigalameera.

Walga’ii Koree siyaasaa olaanaa Itiyoo-Sudaan itti aanu walakkeessa Waxabajjii 2012 Kaartumitti adeemsisuuf waliigalaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015