Heera Mootummaa Hiikuu Ilaalchisee Waltajjiin Ogeeyyotaa Adeemsifamaa Jira

187

Finfinnee Caamsaa 8/2012 (TOI) – Gumiin dhimmoota heera mootummaa qulqulleessu hiikaa heera mootummaa ilaalchisee waltajjiin ogeeyyonni yaada itti kennan magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Filannoon biyyaalessaa jahaffaan barana adeemsifamuuf ture sababa koovid-19n adeemsisuun waan hin danda’amneef akka dheeratu boordiin filannoo biyyaalessaa mana maree bakka bu’aa ummattootaaf dhiheessuunsaa ni yaadatama.

Manni marichaas yaada murtee koree dhaabbataa seeraa, haqaa fi dhimmoota demokiraasiirraa dhihaate raggaasuudhaan gumee heera mootummaa qulqulleessuuf akka erge ni yaadatama.

Haala Kanaan hiikaa heera mootummaa itti kennuuf dhimmichi kan isaan ilaallatu dhaabbileen seeraa fi qorannoo, ogeeyyonni heera mootummaa, ogeeyyonnii fi ogeeyyonni seeraa heera mootummaa wixineessuu keessatti hirmaatan waltajjii adeemsisaa jiru.

Walitti qabduun gumii dhimmoota heera mootummaa qulqulleessuu fi pirezidaantiin mana murtii walii gala federaalaa adde Ma’aazaa Ashannaafii gaaffileen heera mootummaa hiikaa ifa ta’e akka argatu waltajjichi carraa gaarii akka uume dubbataniiru.

Beekumsi akkaataa heerri mootummaa itti hiikamu guddisuun alatti Itiyoophiyaatti sirni heera mootummaa gadi fageenya akka qabaatu carraa gaarii kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Gumiin heera mootummaa qulqulleessu pirrezidaantii fi itti aanaa pirezidaantiin mana murtii walii gala walitti qabaa fi itti aanaa walitti qabaa, ogeeyyota seeraa jahaa fi mana maree federeeshiniitii kan bakka bu’an sadii, walumaa gala miseensota 11 qaba.

Gumiin kun dhimmoota heera mootummaa qulqulleessuuf aangoon kennameeraaf.

Hojii qulqulleessuu kanaanis heerri mootummaa hiikuun barbaachisaadh jedhee wayita argetti dhimmicha ilaalchisee yaada murtee mana maree federeeshiniif kan dhiheessu ta’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015