Muummeen Ministira Dr. Abiyyi Ahimad Garee Jila Sudaan Simatan

108

Caamsaa 8/2012(TOI) – Muummeen ministiraa doktar Abiyyi Ahimad garee Jila Sudaan ministira dhimmoota kaabinee Sudaaniin Ambaasaaddar Umar Bahiir Maaneesiin durfamu har’a simataiiru.

Muummeen ministiraa Dr. Abiyyi garee jila Sudaa waliin dhimmoota gurguddoo addaddaarratti kan mari’atan yoo ta’u, dhimmi hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa isa tokkodha.

Kana malees dhimmi daangaa daangessuu, walitti hidhiinsa dinagdee Itiyoo Sudaan  cimsuu, dhiibbaa weerarri kooviid-19 geessisuu danda’u waliin ittisuu kan jedhan dabalatee dhimmoota gurguddoorratti mari’achuu isaanii odeeffannoon waajjira muummee ministiraarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015