Magaalaa Naqamteetti Qaamoleen Addaddaa Lammiilee Rakkataniif Deeggarsa taasisan

105

Naqamtee Caamsaa 07/2012 (TOI) – Magaalaa Naqamteetti Masjiinni Jamhaa Alfirdoosii fi waldaan waldeeggarsaa Naqamtee kutaalee hawaasaa rakkataniif nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa birrii kuma 310tti tilmaamamu deeggarsa taasisan.

Dura taa’aan mana maree dhimmoota Islaamummaa godina wallagga Bahaa Sheeh Se’id Mahaammad deeggarsicha wayita kennan akka jedhanitti, lammiilee 100 ol kan deeggarsi taasifameef nama isaan deeggaru kan hin qabnee fi mana namaa qulqulleessuun jiraachaa kan turanidha.

Deeggarsi taasifame kun daakuu fi zayita nyaachaa birrii kuma 50 olitti tilmaamamu akka ta’e kan himan sheeh Se’id, deeggarsi kun kan jalqabaati malee kan xumuraa akka hin taane dubbataniiru.

Hawaasni musliimaas koronaadhaan akka hin miidhamne gorsa ogeeyyii fayyaa fudhatee hojiirra oolchuudhaan dhibee kanarraa akka ofeegan gorsi walirraa hin cinne kennamaafii akka jiru dubbataniiru.

Dura taa’aan waldaa walgargaarsaa magaalaa Naqantee obbo Geetaachoo Qinaaxii gamasaaniitiin, waldichi rakkataa kan ta’anii fi gandoolee magaalaa Naqamtee hunarraa kan filataman namoota 700f birrii kuma 260 olitti kan tilmaamamu daakuu kuntaala 70, Zayita nyaachaa fi saamunaa deeggarsa taasisuusaa himaniiru.

Deeggarsi kun fuuldurattis akka itti fufu obbo Geetaachoon dubbataniiru.

Koronaa ittisuuf waldichi dargaggoota tola ooltotatti fayyadamuun manarra deemuun hubannoo kennaa akka jiru dubbataniiru.

Namoonni deeggarsi kennameef yaada kennaniin, sababa vaayirasii koronaatiin asii fi achi njedhanii hojjechuu akka hin dandeenye ibsuudhaan deeggarsa taasifameef galateeffataniiru

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Naqamtee fi walitti qabaan taaski foorsii ittisa vaayirasii koronaa obbo Bariisoo Tamasgeen akka jedhanitti, deeggarsi Masjiidichii fi waldaan waldeeggarsaa namoota rakkataniif taasisaniif galateeffatanii, deeggarsi kun fuulduraafis cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015