Ministeerri Qonnaa Toora Bilbilaa 8028n Qonnaan Bultootaaf Odeeffannoo Akka Kennu Ibse - ENA Afaan Oromoo
Ministeerri Qonnaa Toora Bilbilaa 8028n Qonnaan Bultootaaf Odeeffannoo Akka Kennu Ibse

Finfinnee Caamsaa 7/2012 (TOI) – Itiyoophiyaatti odeeffannoowwan qonnaan walqabatan toora bilbilaa bilisaa 8028n qonnaan bultoota hunsaaf akka kennu ministeerri qonnaa ibse.
Qonnaan bulaan akka vaayirasii koronaaf hinsaaxilamne gochuun hojiiwwan oomishtummaa guddisuu dandeessisan akka hojjetus ministeerichi beeksiseera.
Ministeera qonnaatti ddarektarri misooma midhaanii obbo Isaayyaas Lammaa TOIf akka ibsanitti, hojiiwwan ekisteenshinii qonnaa jijjiirama akka fidan hojiiwwan addaddaa hojjetamaa jiru.
Toora bilbilaa Kanaan dura qonnaan bultoota miiliyoona afuriif qaqqabaa ture odeeffannoon qonnaa qonnaan bultoota hunda biraan ga’uuf qophiin xumurameera.
Odeeffannoowwan kunneen afaan addaddaatiin qonnaan bultoota bira akka ga’an ibsanii, ergaan kunis barreeffamaa fi sagaleedhaan akka darban eeraniiru.
Ergaawwan toora bilbilaa bilisaan dhihaatan kunneen meeshaalee sabquunnamtii addaddaa fi irra deebiin ammoo ogeeyyota qonnaatiin kan darban akka ta’e himaniiru.
Gama biraatiin wayita oomishaatti vaayirasii koronaaf akka hin saaxilamne tarkaanfii ofeeggannoo fudhachuuf qophiin akka taasifame obbo Isaayyaas dubbatanii, “qonnaan bulaan qaamaan akka walitti hin hiiqne akka Kanaan duraa hojmaanni Daboo fi Jigii hin jiraatu” jedhaniiru.
Galteen qonnaa dafee qonnaan bulaa bira akka ga’u gochuuf hojjetamaa akka jiru obbo Isaayyaas ibsanii, Xaa’oon bara kana dursee akka bitame dubbatameera.
Haala Kanaan sagantaa baasuudhaan waldhiibuu karaa hin uumneen akka raabsamu eeraniiru.
Qonna gannaa baranaa sagantaa idileetiin lafa heektaara miiliyoona 12 tuqaa 8 misoomsuuf kan karoorfame yemmuu ta’u, kanarraas oomisha kuntaala miiliyoona 335 caalu oomishuuf karoorfameera.