Misooma Jallisii Marsaa Tokkoffaarraa Fayyadamneerra --- Qonnaan Bultoota Godinaalee Qeellam Wallaggaa Fi Wallagga Lixaa

168

Naqamtee Caamsaa 07/2012 (TOI) – Qonnaan bultoonni godinaalee Qeellam wallaggaa fi Wallagga Lixaa misooma jallisii marsaa tokkoffaarraa oomisha gabaaf dhiheessuudhaan fayyadamoo ta’uusaanii beeksisan.

Qonnaan bulaan Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Machaaraa jiraatan obbo Mokonnon Dheeressaa yaada kennaniin, qonnaa idileen cinaatti misooma jallisiirratti hirmaachuudhaan fayyadamaa akka ta’an dubbataniiru.

Rooba eeguudhaan waggaatti si’a tokko qofaa oomishuudhaan “galii guddisuunis ta’e wabii nyaataa mirkaneessuun hin danda’amu” kan jedhan obbo Mokonnon, misooma jallisii marsaa duraa bara kanaatiin Qullubbii fi raafuu maraa kuntaala 90 oomishuudhaan gabaaf dhiheessanii faayidaa akka irraa argatan himaniiru.

Aanichatti jiraataan ganda Guddina Waajoo qonnaan bulaa Huseen Isaa gamasaaniitiin, waldaan gurmaa’uudhaan Timaatima, raafuu maraa, kaarotaa fi hundee diimaa lafa heektaara 8 irra dhaabuudhaan kuntaala 340 oomishanii gabaaf dhiheessanii galiinsaanii guddateera.

Qonna gannaarratti humna guddaa baasuu manna lafa xiqqoo jallisiin misoomsuun galii guddisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuun akka danda’amu qabatamaan arguusaanii himaniiru.

Wallagga lixaa aanaa Gimbii jiraataan ganda Tolee obbo Abduunuur Huseen akka jedhanitti, misooma jallisii marsaa duraatiin Qullubbii oomishuudhaan galii birrii kuma 67 fi 500 argataniiru.

Misooma jallisii marsaa tokkoffaarraa qofa Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaarraa oomishni kuntaala miiliyoona 6 ol walitti qabamuusaa waajjiraaleen qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa godinaalee lamaanii ibsaniiru.

Waajjira qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa godina Qeellam Wallaggaatti dursaan garee misoomaa fi eegumsa biqiltuu obbo Gabayyoo Qaabataa akka jedhanitti godinichatti lafa sanyiin faca’e heektaara kuma 21 fi 266 irraa oomishni kuntaalli miiliyoona 3 tuqaa 4 walitti qabameera.

Godina Wallaggaa Lixaa irraa ammoo misooma jallisii marsaa tokkoffaatiin lafa heektaara kuma 15 fi 963 irraa oomishni kuntaalli miiliyoona 2 tuqaa 6 argamuu itti gaafatamaan waajjira qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa obbo Abrihaam Damee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015