Dhaabbileen Amantaa Dimmoota Biyyaa Gurguddoorratti Walii Akka hojjetan Muummeen Ministiraa Dr. Abiyyi gaafatan

72

Caamsaa 7/2012 (TOI) – Dhaabbileen amantaa dhimmoota biyyaa gurguddoo ta’anirratti waliin akka hojjeta muummeen ministiraa doktar Abiyyi Ahimad gaafata.

Muummeen Ministiraa Dr.Abiyyi guyyaa har’aa hooggantoota dhaabbilee amantaa Ortodoksii, Musliimaa, Kaatoliikii fi Amantoota Wangeelaa waliin mari’ataniiru.

Akkaataa kanaan dhaabbileen amantaa duudhaalee isaaniirratti hundaa’anii ga’ee ijaarsa biyyaa keessatti gumaachuu danda’an ilaalchisuun hoggantoota amantaalee kanneenii waliin mari’ataniiru.

Haala Kanaan qaamolee sagaleesaanii dhageessisuu hin dandeenyeef sagaleensaanii akka dhaga’amu taasisuu, Sadarkaa nama dhuunfaa, maatii, hawaasaa, naannoo fi biyyaatti nageenya babal’isuu, wayita balaa fi gaaga’amni uumame dhaabbata cimaa deeggarsa kennuu danda’u uumuu, tajaajila tola ooltummaa akka biyyaatti aadaa taasisuu fi hojiiwwan nageenya hawaasaa ummataa mirkaneessan waliin hojjechuu dhimmoota jedhanirratti marii taasisaniiru.

Madda:- Waajjira muummee ministiraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015