Itiyoophiyaa Fi Ameerikaan Waliigaltee Deeggarsaa Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 230 Walii Mallatteessan.

61

Finfinnee Caamsaa 6/2012 (TOI) – Itiyoophiyaa fi Ameerikaan waliigaltee deeggarsa misoomaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 230 har’a walii mallatteessan.

Waliigaltee kanas ministeerri maallqaqaa fi dhaabbanni gargaaesa misoomaa idil addunyaa Ameerikaa walii mallatteesuusaanii embaasiin Ameerikaa ibsa TOIf ergeen beeksiseera.

Walii galteen kun deeggarsa hojiiwwan damee fayyaa, barnootaa, qonnaa, dame dinagdee fi bulchiinsa gaariif  akka oolu ibsameera.

Da’eetaan ministira maallaqaa obbo Admaasuu Nabbabee fi daarektarri dhaabbatichaa Si’aan Joonsi waliigaltee kana akka mallatteessan ibsi kun ni agarsiisa.

Deeggarsi kun Itiyoophiyaan biyyoota galii giddu galeessaa ta’uuf deemtuu fi yaalii guddinashee mirkaneessuuf taasiftu kan deeggaru ta’uu sirna mallattoo kanarratti himameera.

Waggoota 20 darbaniif Ameerikaan deeggarsa doolaara biiliyoona 13 Itiyoophiyaaf akka taasifte emmbaasichi yaadateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015