Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayeetti Maatiiwwan Qaama Miidhamtootaa Fi Dadhaboo 400f Deeggarsi Taasifame

77

Amboo Caamsaa 06/2012 (TOI) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayeetti maatiiwwan qaama miidhamtootaa fi dadhaboo 400f deeggarsi taasifamuusaa bulchiinsi aanichaa beeksise.

Deeggarsa kana kan taasisan abbootii qabeenyaa aanichaa fi dhalattoota naannawichaa Finfinnee jiraatan akka ta’an bulchaan aanichaa obbo Taaddasaa Fedhasaa ibsaniiru.

Deeggarsi tola ooltota kanneenirraa taasifame Boqqoolloo Kuntaala 100, Sukkaara kuntaala 6, Zayitii nyaachaa liitiroo 400, akkasumas meeshaalee qulqullinaa akka ta’e beekameera.

Bulchaan aanichaa qaamolee deeggarsa kennan galateeffatanii, abbootiin qabeenyaa  biroos deeggarsa wal fakkaatu akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.

Jiraattota Finfinneerraa deeggarsa kana kan walitti qaban ambaasaaddar doktar Dabbabaa Abdataa wayita kana akka jedhanitti, deeggarsichi fuuldurattis cimee akka itti fufu ibsanii, hawaasni koronaarraa ofeegee ga’eesaa akka ba’u waamicha dhiheessaniiru.

Deeggarsi kun kan kennameef keessaa adde Baqqaluu Diroo yaada kennaniin, Rakkinarraa ka’uun ijoolleesaanii waan laataniif akka dhaban ibsanii,  deeggarsa abbootiin qabeenyaa taasisaniif galatoomfataniiru.

Qaama miidhamaa kan ta’an adde Nadhii Buulessaa gamasaaniitiin, yeroo rakkoo akkasii asii fi achi jedhanii hojjechuu wayita hin dandeenyetti deeggarsa argachuusaaniitti akka gammadan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015