Huwaawween Meeshaalee Ittisa Kooviid-19f Oolu Deeggarsa Taasise

57

Finfinnee Caamsaa 6/2012 (TOI) – Kubbaaniyyaan dhuunfaa itti gaafatamnisaa murtaa’ meeshaalee kooviid-19 ittisuuf oolu ministeera saayinsii fi barnoota olaanaaf deeggarsa taasise. Leenjii fi deeggarsa teekinooloojii infoormeeshinii dhaabbilee barnootaa olaanoof kennu cimsee akka itti fufu kubbaaniyyaan kun beeksiseera.

Deeggarsi kun haguuggiiwwan kuma 10, saaniitaayizarii liitira 100, teermoomeetiroota hoo’ina safaruuf oolan 20 ofeessatti kan qabatedha.

Ministirri Saayinsii fi barnoota olaanaa piroofeesar Hiruut Waldamaariyam itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaa huwaawwee kan ta’an Mister Tiibeet Zuu harkaa deeggarsicha fudhataniiru.

Deeggarsa kubbaaniyyichi taasiseefis piroofeesar Hiruut Waldamaariyam galateeffataniiru.

Kubbaaniyyaan kun ministeera saayinsii fi barnoota olaanaa waliin hariirii yeroo dheeraa akka qabu piroofeesar Hiruut yaadatanii, keessumaa damee infoormeeshiin komunikeeshiniitiin barattoota dhaabbatichaa fi barsiisotaaf leenjii kennuun ga’ee guddaa ba’eera jedhaniiru.

Barattoonni mana isaanii turanii akka baratan yaalii taasifamu Huwaawwee fi kubbaaniyyoonni wal fakkaatan deeggarsa taasisaa akka jiran dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaa olaanaa Huwaawwee Mister Tiibeet Zuu gamasaaniitiin, damee barootaa fi koronaa ittisuuf deeggarsa taasisu akka itti fufu ibsaniiru.

Keessumaa leenjii fi deeggarsa infoormeeshiin komunikeeshinii dhaabbilee barnootaa olaanoof kennu cimsee itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015