Meeshaa Waraanaa Seeraan Alaa Gama To’achuutiin Hojiin Bu’a Qabeessaa Hojjetameera---Muummee Ministiraa Abiyyi

79

Finfinnee Caamsaa 6/2012 (TOI) – Baatiiwwan muraasa darban meeshaalee waraanaa seeraan deddeebisuu agama to’achuutiin hojiin bu’a qabeessaa hojjetamuusaa muummeen ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi ergaa fuula feesbuukiisanii irratti dabarsaniin baatiiwwan muraasa darban kanneen meeshaa waraanaa daddabarsan hordofanii qabuudhaan hojiin boonsaan hojjetameera.

Marii kaleessa hooggantoota naannolee waliin taasisaniin meeshaalee waraanaa seeraan alaa biyya keessa galchuun deddeebisuu ittisuuf walii galtee cimsuu akka barbaachisu gorsuusaanii ibsaniiru.

Meeshaalee biyya keessa seensisuun deddeebisuu sirnaan hordofanii kanneen seeraan ala deddeebisan to’annoo jala oolchuuf hundi keenya bobba’uu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015