Godina Wallagga Lixaatti manneen barnootaa 947 rakkoo nageenyaatiin cufamanii turan banamanii hojii jalqaban

109

Naqamte Amajjii 20/2011 Godina Wallaga Lixaatti manneen barnootaa rakkoo nageenyaatiin cufamanii turan 947 hojii jalqabuusaanii waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

Hoji gaggeessaan waajjirichaa obbo Mulaatuu Diibaa tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka ibsanitti, godinichatti rakkoo nageenyaatiin torbee lamaaf cufamanii kan turan manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa, lammaffaa fi qophaa’inaa tajaajila kennuu eegalaniiru.

Godinichatti nageenyi fooyya’aa waan jiruuf manneen barnootaa aanaalee baadiyyaa 20 fi magaaloota 3 keessatti banamaniiru.

Manneen barnootaa Gimbii, Laaloo Assaabii, Begii fi aanaalee biroo keessatti barsiisuu hin jalqabne hojii jalqabsiisuuf yaaliin taasifamaa jira jedhaniiru.

Barsiisonni manneen barumsaa barumsi keessatti jalqabame keessatti argaman rakkoo nageenyaatiin wal qabatee yeroo barumsaa hojii malee darbe bakka buusuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Godinichatti aanaa Laaloo Assaabii gaggeessaan mana barumsaa Innaangoo sadarkaa lammaffaa Naggaa Baqqalaa yaada kennaniin, yeroo barumsaa hojii malee darbe bakka buusuuf guyyaa guutuu, akkasumas yeroo boqonnaa fayyadamuun barumsi kennamaa jira.

Isaan dabalatee barsiiftonnii fi barattoonni mana barumsichaa hundi fedhii guutuutiin sagantaa bakka buusuurratti hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.

Supparvaayizariin mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa Begii obbo Firoomsaa Waaqgaarii, godinichatti rakkooleen nageenyaa olaanaan kan keessatti mul’atan keessaa aanaa kun tokko waan taateef adeemsi baruu fi barsiisuu gufatee turuusaa ibsaniiru.

 Nagaa amma argametti fayyadamuudhaan yeroo barumsaa hojii malee darbe bakka buusuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Rakkoo nageenyaa godinicha keessatti mul’ateen manneen barumsaa 995 keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu addaan cite ture.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015