Keeniyaatti Balaa Lolaatiin Lubbuun Namoota 200 Darbe

55

Ebla 28/2012 /TOI/ - Ji’a darbe keessa Keeniyaatti roobni cimaa erga eegalee booda lolaa fi sigiga lafaan lubbuun namoota 200 darbeera.    

Sababii rooba kanaan namootni kumaa 100 ta’an ammoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Ibsi pirezdaantii mootummaa Keeniyaa akka jedhutti, miidhaan lafa heektara kumaatama hedduutti tilmaamamu lolaa kanaan manca'eera.  

Roobni cimaan kun turban hedduuf walitti fufiinsaan roobaa kan turee fi ammallee itti fufee kan roobu ta'uu raagamaa jira.

Sodaan hidha gurguddoon lama cabuu danda’u jedhus jira.

Namootni hidha kunneen gaditti jiratan mana isaanii gadhiisanii bakka ol ka'aa ta'e akka barbaaddataniif itti himameera.  

Mootummaan Keeniyaa carraaqqii dhibee vayirasii koronaa lubbuu namoota 26 galaafate ittisuuf taasifamaa jiru kana hammeessuu mala jedheera.   

Balaan lolaa tibba kana Afrikaa Bahaatti mul'achaa jiru kun namoota hedduu buqqaasuun, qabeenya hedduus mancaaseera jedha gabaasni BBC.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015