Voolsiwaagan Itoophiyaatti Invasti gochuuf sanada walii galtee mallatteesse

73

Finfinnee Amajjii 20/2011 Kubbaaniyyaan guddichi konkolaataa oomishu Voolsiwaagan Itoophiyaatti invast gochuu kan isa dandeessisu walii galtee mallateesse.

Walii galticha komishinariin invastimantii Itoophiyaa Abbabaa Ababaayyoo fi hoji raawwachiisaan kutaa Afriikaa Saharaa gadii Toomaas Shaafer walii mallatteessaniiru.

Itoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran pirezidaantiin Jarman Firaanki Waalter Istaayinmaayerii fi ministirri maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shidee walii galticharratti argamaniiru.

Kubbaaniyyichi kutaa biyyoota Afriikaa Sahaaraatii gadi jiran jidduudhaa Itoophiyaa jiddu galeessa babal'ifannaa isaa gochuun filateera.

Itoophiyaan Gaanaa fi Naayijeeriyaatti aantee walii galticha mallatteessuudhaan biyya sadaffaati.

Kubbaaniyyichi mootummaa Itoophiyaa waliin hojjechuuf walii galuunsaa walitti hidhiinsa kallattiitiin kilaastera industirii Awutomootiivii uumuuf boqonnaa haaraa ni bana jedhameera.

Komishinar Abbabaan sirna mallattoorratti akka jedhanitti, mootummaan biyyattii biyya invastimantiin dursite gochuuf kutannoodhaan socho'aa jira.

"Gama industirii Awutomootiiviitiin kilaastarri addaa akka hundeeffamu mootummaan yaalii guddaa taasisa" kan jedhan komishinarichi, kana hojiirra oolchuuf Voolsiwaagan dabalatee dhaabbilee fedhii qaban waliin qindoominaan hojjechuuf qophaa'aadha" jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan kubbaniyichaa kutaa Afriikaa Toomaas Shaafer gamasaaniitiin mootummaan Itoophiyaa guddina industirii Awutomootiiviitiif xiyyeeffannaa kennuunsaa kan dinqisiifamudha jedhaniiru.

Itoophiyaatti akka hojjennu deeggarsa nuuf taasifameef 'galata galchuun barbaada' kan jedhan hojii raawwachiisaan kun, walii galteen kun hojii biyyoota Sahaaraatii gadi jiran keessatti hojjennuuf bu'ura kan kaa'udha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015