Qorannoo Qonna Irratti Adeemsifamaa Jiruuf Deegarsi Beekumsa Irratti Hundaa'e Taasifamuu Qaba - Doktar Abiyyi Ahimad

65

Finfinnee Ebla 26/2012 (TOI) - Qorannoo qonna irratti adeemsifamaa jiruuf deegarsi beekumsa irratti hundaa'e taasifamuu qaba jedhan muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad.  

Qonna ammayyeessuuf deeggarsi addaa akka barbaachisus ibsaniiru muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad.   

Doktar Abiyyi karaa fuula Feesbuukii isaaniitiin akka beeksisanitti qonnaan bulaan Itiyoophiyaa carraaqqii oomisha guddisuuf taasisaa jiru kan dinqisiifatan ta'uu ibsaniiru.

Kanaaf qonna ammayyoomsuun deeggarsa addaa yoo goone, maatii hedduwwan keenyaa kan ta'e qonnaan bulaan ofiisaa dhama'ee dachaadhaan yoo oomishu arguun ala wanti nama gammachiisu hin jiru jedhaniiru.    

Aanaalee godina Shawaa Kaabaatti Minjaar Shonkooraa, Asaagirt, Aangoololaa fi Xarraa, bulchiinsa magaalaa Dabra Birhaanitti qonnaan bultoonni fuduraa fi muduraa dabalatee misooma jallisiitin oomisha sadarkaa gaarirra jiraachuu ibsaniiru.   

Hoggansi naannoo Amaaraa sadarkaa garaagaraa irratti argaman hojii gaarii kana daawwachuudhaan, qonnaan bultoota mariisisuun isaaniis ibsameera.  

Kanaafis hoggansa naannoo Amaaraa sadarkaa sadarkaan jiruf galatan qaba jedhaniiru mummeen ministiraa.  

Ogeeyyiin qorannoo qonnaa deeggarsa beekumsaa yoo godhan, mootummaan abbootii qabeenyaa qindeessee yoo bobbaase, tumsi keenya daran yoo cime dame qonnaa sadarkaa gaaritti ceesisuu ni dandeenya jedhaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015