Keeniyaatti Namoonni dhibba Tokkoo Ol Balaa Lolaatiin Du’an

72

Finfinnee Ebla 25/2012 (TOI) – Keeniyaatti lolaa fi sigigaachuu lafaatiin balaa mudateen namoonni dhibba tokkoo ol du’uunsaanii himame.

Balaa lolaa fi sigigaachuu lafaa Kaaba biyyattiitti mudateen namoonni 116 yemmuu du’an maatiin kuma 1 fi 800 ta’an manasaanii dhabaniiru.

Keeniyaatti naannawa Bukuyyuu jedhamutti kan argamu lagni Nizoya jedhamu guutee lolaa mudateen akkasumas lafti sigigaatee manneen hedduu mancaaseera.

Bokkaan cimaa fi sigigaachuun lafaa guyyoota sadiif ture miidhaa kana ka cimse ta’uu jiraattonni Iskaay niwusiif ibsaniiru.

Jiraaattota kanneen keessaa Vinsent Ochiing akka jedhanitti rakkoon kun guyyoota sadiif turus mootummaan ummata balaa kanarraa baraaruuf Bidiruu lama qofa erguunsaa yaaddessaa ta’uu ibsaniiru.

Keeniyaatti barreessituun olaanaa dhaabbilee gargaarsaa Ashaa Mohaammad gamasaaniitiin deeggarsi dabalataa akka barbaachisu ibsanii, biiroo fayyaa naannawaa waliin ta’uun tajaajila fayyaa asii fi achi jedhee yaala kennuu fi dhiheessii qorichaa akka taasisan beeksisaniiru.

Gama biraatiin waldaan fannoo diimaa Keeniyaa bulchiinsa Kisuumuuf jiddu galeessonni yaala balaa tasaa akka dhaabatu waamicha dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015