Ogeeyyiin Miidiyaa Hubannoo Tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa Ilaalchisee Caalaatti Akka Hojjetan Gaafataman

143

Finfinnee, Guraandhala 14/2012(TOI) Ogeeyyiin miidiyaa hubannoo tatamsa’ina vaayirasii koronaa ilaalchisee hojiiwwan baay’ee hojjechuu isaanii eeruun yeroo ammaa kana caalaatti hojjechuun akka irraa eegamu dhaabbanni Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa beeksise.

Miidiyaaleen waa’ee vaayirasichaa hawaasa hubachiisuuf yaaliin taasisu ga’ee olaaanaa akka qabu eerameera.

Bakka bu’aan Dhaabbata Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa kan ta’an obbo Malaakuu Abbabaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti argamuun hojjettootaaf barumsa hubannoo kenaniiru.

Gaazexeessitoonni wayita hojii odeeffannoo funaanuuf socho’anitti wantoota vaayirasichaaf isaan saaxiluu danda’urraa of eeggachuu akka qaban gorsaniiru.

``Dhaabbata tokko keessatti namni qufaan qabame yoo jiraate namoota baay’eetti akkuma dabarsu vaayirasiin koronaas of eeggannoon hin taasifamu taanaan carraan tatamsa’ina isaa bal’aa dha`` kan jedha obbo Malaakuun namoota dhukkubbiin mudate yoo jiraan yeroo murtaa’aaf akka boqotan taasisuun barbaachisaa dha jedhan.

Of eggannoof jecha gama mootummaan hawaasaafis ta’e lammiilee alaa biyya alaarra galan hojiirra oolmaa seerota ba’anii hordofuun beeksisuun ga’ee miidiyaa akka ta’e dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana keessumaa hawaasa keessatti dhiibbaa xiinsammuu mudataa jiru keessaa ba’uun of eeggannoorratti cimuun akka barbaachisu hojjetamuu qaba.

Waltuttuqaa namoota waliin jiru hambisuun tooftaa filannoo nagaa wal gaafachuu jiru fayyadamuun murteessaa dha.

Golga afaanii fi funyaanii ilaalchisee namoota vaayirasii kanaan qabamuun isaa mirka’ee fi gargaarsa kennan qofti fayyadamuu akka qabu obbo Malaakuun dubbataniiru.

Tatamsa’ina dhukkuba kanaa ittisuuf qulqullinni dhuunfaa murteessaa ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015