Itiyoophiyaan qabeenyaa isheerratti dhiibbaa qaama biroon waliigalteen mallatteessitu gonkumaa hin jiru

109

Finfinnee, Guraandhala 25/2012 (TOI) Itiyoophiyaan qabeenyaa isheerratti dhiibbaa qamaa biroon dirqisiifamtee waliigalteen mallatteessitu gonkumaa akka hin jirre gareen teekinikaa waliigaltee hidhaa haaromsa guddicha Itiyoophiyaa beeksise.

Gareen kun haala hidhaa haaromsaa irratti waliigaltee taasifamaa jiru ilaalchisee kaleessa waajjira muummicha ministiraatti ibsa kenneera.

Ibsa kanan hidhichi jireenya biyya kanaaf barbaachisaa waan ta’eefi biyyattiin hiyyummaa keessaa ba’uuf yaalii taasiftu akka gargaaru mootummaa fi ummataan itti amanamee hojiitti akka galame ibsameera.

Sanas ta’u lagni Abbayyaa daangaa ce’uun waan deemuuf biyyoota yaa’a gadiirratti haala  miidhaa hi geessifnee  akka hojjetamu itti amanamee bara 2007A.L.I eegalee Gibtsii fi Sudaan waliin mariin taasifamaa tureera.

Dhiyeenya kana haala hidhaa kanaa ilaalchisee garaagarummaa Itiyoophiyaa fi Sudaan qaban walitti dhiyeessuuf Ameerikaan biyyoota sadan mari’achiisaa jirti.

Haa ta’u malee marii kanaan Ameerikaan ga’ee isheen gaarii taasifte jiraatus mari’achiisuurraa akka mootummaatti ejjennoo qabattee adeemsa isheen dhufte sirrii akka hin taane ibsameera. 

Ministirri biyya alaa Gadduu Andaargaachoo hidhichi bulchiinsa Itiyoophiyaa keessatti waan argamuuf Itiyoophiyaanotaan jalqabamee qabeenyaa Itiyoophiyaanotaan akka xumuramu himaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenyaa uumamaa dhuunfaa isheetti fayyadamuun ummata ishee hiyyummaa keessaa baasuuf hidhaa haaromsaa ijaaraa jirtu kun biyyoota yaa’a gadii irratti karaa miidhaa hin qabneeni.

Sudaan sadarkaa hooggansaattis ta’e biyaatti hidhaan kun nufayyada kan jedhu ejjennoo cimaa akka qabdu kan ibsan obbo gadduun, Gits malee Sudaan bishaan Abbayyaa to’achuuf fedhii akka hin qabne dubbataniiru.

Ji’oota darban ja’atti waliigaltee Waashingitanitti taasifameen garaagarummaa bal’aa walitti fiduun akka danda’ame kan eeran ministirichi, gama tekinikaa fi seeraan biyyoota kana gidduu garaagaraummaan akka jiru himaniiru.

Itiyoophiyaan marii kanaan faayidaa biyyoolessummaa ishee haala eeguun adeemaa akka jirtuu fi gama Gibtsii fi Ameerikaan waliigaltichi dafee akka xumuramu fedhiin akka jiru dubbataniiru.

Kanaan Itiyoophiyaan waliigaltichi hattattamaan ta’uu akka hin qabnee fi marichis cimee itti fufuu akka qabu amantaa qabaachuushee himaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenyaa isheerratti dhiibbaa qaama biroon dirqisiifamtee waliigalteen mallatteessitu gonkumaa akka hin jirre dha ministirri dhimma alaa Gadduun kan beeksisan.

Ejjoo Ameerikaan hidhicharratti qabdu waliigaltee dippiloomaasiitiin biyya beekamtu haa taatu malee dhiyeenya kana ibsarraa hin eegamne baasuu ishee eeranii, ejjennoo qabatte ni sirreessiti jedhanii akka amananis himaniiru.

Ministirri bishaanii jallisii fi inarjii doktar Injiinar Silashii Baqqalaa gama isaaniin Itiyoophiyaan harka 86 bishaan Abbayyaa biyya argamsiiftu akkuma taate bishaanicharraa fayyadamaa ta’uu qabdi jedhan.

Itiyoophiyaan biyya bilisaan ofiin of bulchitu akka taatee fi fayyadamummaa ishee humni dhiibbaa geessisuu danda’u jiraachuu akka hin qabne dubbataniiru.

Haala kanaan Itiyoophiyaan ijaarsi hidhichaa fayyadamummaa waliinii kan bu’ureeffate biyyoota yaa’a gadiitti dhiibbaa kan hin geessifne ta’uu hubachuun hojjetaa akka jirtu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015